“Nageenya daandiiwwan naannoo keenyaa numaan!"
Hojiin kunuunsa fi suphaa daandiiwwanii ariitiidhaan, qulqullinaa fi baay'inaan akka hojjatamuuf xiyyeeffannaan hordofuu fi deeggaruun cimee itti fufee jira!
Kallatti hooggansi Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa kaayeen godina Gujii Lixaatti sarara daandii Garbaa Qarcaa, Harargee Lixaatti toori daandii Kaarraa-Bookee hojiin deebisanii ijaaruu (rehabilitation) hojjetamaa jira. Uummannis miira gammachuun deeggarsaa fi hojii isaan irraa barbadamu rawwachuun hojii hojjatamu tumsaa jira.
Hojii suphaa toora daandii Kaarraa-Bookee Suuraadhaan: