Waa`ee Biiroo Daandiiwwanii fi Loogistiksii Oromiyaa
Hundeeffama
Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa manneen hojii mootummaa iyyummaa maqsuuf ergamni guddaan kennameef keessaa isa tokko. Naannicha keessatti misooma daandii fi bu’uraalee geejibaa fi loojistiksii karoorsuu, hojjachiisuu, suphuu, qorachiisuu fi bulchuuf tti-gaafatamni kan kennameef yoo ta’u, bara bajataa 2014 irraa kaasee labsiidhaan caaseffama haaraa taasifameen fayyadamtummaa ummata keenyaa gama daandii fi bu’uuraalee geejjibaatiin jiru mirkaneessuuf gama ijaarsa daandiiwwanii, riqaalee, bu’uraalee geejibaa, suphaa daandiiwwanii fi bu’uuraalee geejjibaatiin jiru raawwachuu fi raawwachiisuuf itti gaafatamni dabalataa kennameefii hojiitti galee jira. Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa ammaa fi Abbaan Taayitaa Daandiiwwan Oromiyaa kaleessaa gurmaa’insa amma qabu horachuu isaatiin dura haalawwan bulchiinsaa fi caaseffama garaagaraa keessa kan darbee dha.Bara 1983 irraa hanga bara 1985/86tti sadarkaa federaalaatti; Ministeera Hojii fi Misooma Magaalaa, Ministeera Qonnaa, akkasumas, Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaa jala kan ture yoo ta’u, bara 1986tti haala hojii mijaa’aa umuuf yaadamee Biiroo Hojii fi Misooma Magaalaa Oromiyaa sadarkaa Naannootti hundaa’e jalatti hammatamee hojjataa ture.
Hojiiwwan jalqabaatis:-
Copyright @2024 by Oromia Roads and Logistics Bureau| www.orlb.gov.et