Sagantaa "Rural connectivity for food security program" jedhuun hojiin ijaarsa fi suphaa daandii Oromiyaa keessatti hojii eegaluu ifoomeera.

  • 20 Feb 2025
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

 

Hojii Misoomafi Suphaa Daandii, Riqaalee, Bu'uraalee Geejibaa fi Loojistiksii Deggaruun Hojii Misooma Biyya Deggaruudha!

Hiree/Carraa uummataaf dhufe milkeessuuf gorstootni, kontirakitarootni fi waldaleen IMX hojii Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa fudhatan ,qooda fudhattootni fi maatiin BDLO hundi qindominaan hojjachuun dirqama akka ta'e Hoggantuun BDLO Injiiner Helen Taammiruu ibsan!

sagantaa "Rural connectivity for food security program" dhaan carraan hojii ijaarsa fi suphaa daandiif dhufe sagantaa baay'ee murteessaa ta'uu ibsuun biirichii hiree uummataaf sagantaa kanaan dhufe milkeessuuf guutuu Oromiyaatti kuttanoon kan hojjatuu ta"uu beeksiisan!

BDLO guyyaa Guraandhala 11, 2017 sirna jalqabsiisa hojiiwwan sagantaa "Rural connectivity for food security program" Oromiyaa keessatti hojii eegaluu ifoomseera.

Sirni waliigaltee mallatteessuu hojiiwwan ijaarsaafi suphaa pirojeektota daandiwwaniifi riqaalee Rarraatuus kontiraakterootaafi waldaalee IMX gidduutti taasifameera.

Hojiin suphaa daandii KM 681 sagantaa kanaan kan hojjetamuu kontiraaktota hojjetan waliin waliigalteen hojii ji'a ja'a keessatti hojjetanii kan xumuran mallattaa'eera.

Sagantaa addaa argamee kanaan hojiin suphaa daandii KM 681 aanaalee Oromiyaa 35 keessatti 'Matching Fund' baankii addunyaarra argameefi baajeta. mootummaa naannoon akka hojjetamu waliigalteerra ga'amuun ibsame jira. Ijaarsi riqaalee rarra'a torba ta'anis waligalteen Waldaalee IMX waliin mallata'e jira. Pirojeektonni waliigalteen maallata'e kunneen bajata qarshii miliyoona 729n kan ijaaramaniidha

Fedeeraalatti qindeessaan olaanaa sagantichaa kan ta'aan Injiiner BirhaanuuTasfaayee sagantaan kun karoora waggaa 5 kan ta'e akka biyyaatti hojiirra kan oolufi baajetni isaa dhibbantaan 70 baankii addunyaa irraa argamuu ibsanii,kunis baadiyyaatti rakkoo waliin ga'iinsa daandii jiru kan furuufi dandeettii naannolee cimsuuf gargaara jedhan. Naannoleen hundu carraa kanatti sirnaan fayyadamuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Sagantaa addaa RCFS kanaan hojiin suphaa fi ,ijaarsa daandiiwwanii baadiyyaa haaraa ,ijaarsa riqaalee rarra'aa fi approach roads,Ijaarsa istirakicharota adda ,hojiiwwan qo'annoo, qorannoo fi dizaayinii pirojektoota fi hojiiwwan ijaarsa dandeettii kan hojjatamuu ta'uunis beekame!

Milkaa'ina sagantaa Walitti Hidhamiinsa Daandii Milkaa'ina Sagantaa Wabii Nyaataatiif ykn

RCFS kanaatiif caasaan bulchiinsa sadarkaan hanga gandaatti jiraniif kutaaleen hawaasa marti daangaa pirojektoota kabajuun, yeroon qabeenya irraa kaasuun, qabeenya umamaa (biyyoo filatamaa fi Cirrachaa ) naannoo hojii pirojektootaaf olaan eyyamuun, meeshaleefi maashinaroota hojii pirojektoota eegachuun,dhaabbilee hojiif garaa qa'ee keessan dhufan jajjabeessuufi si'eessuun akka hojii

Sagantaa 'Walitti Hidhamiinsa Daandii Milkaa'ina Sagantaa Wabii Nyaataatiif 'jedhuun hojii misooma fi suphaa daandii irratti carraa argamee tumsan Inj.Helen dhaman! Sagantaa irratti kan argamaan qooda fudhattotni fi kilaastara misooma magaalaa irraa obbo Mulugeeta G/ Sillaasee kallattii hojii kennan jiru

Sagantaan RCFS :

Hojii Babal'inafi Waliingahiinsa Daandiif Yaadama Haaraa!

Hojii Suphaa Daandiif Fala Waaraa!