Dhiyeessiin Maashinarii Lafee Duugdaa Bulchiinsa Daandiiti.

  • 08 Apr 2026
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Mootummaan Naannoo keenyaa misooma Daandii babal'isuufi waliingahiinsa Daandii milkeessuuf baajata guddaa ramadee hojii guddaa hojjachaa jiraachuun isaa ni beekama. Bu'uurri Misooma Daandii direere immoo itti fufiinsaan tajaajila qulqulluu,gahaafi itti fufiinsa qabu hawaasaf akka kennuuf, bulchiinsaafi suphaan Daandii iddoo ol'aanaa qaba.

Haaluma kanaan guyyaa har'aa Biiroon keenya bu'uura waliigaltee Ejensii Bittaafi dhabamsiisa qabeenya Oromiyaa fi dhaabbanni Seven Plus import and export jedhamu waliin ta'uun dhiyeessii Gireedaroota 10 qarshii Miliyoona 150 oliin bitee galchuun bakka Hooggantuun Biiroo keenyaa Inj. Helen Taammiruufi qooda fudhattoonni adda addaa argamanitti walharkaa fuudhinsi Maashinarootaa taasifamuun furtuun Dameewwan Suphaa Godinaaleetif qoodamee jira

Gama birootiin Inj. Helen haasa'a taasisaniin Biiroon keenya rakkoo qulqullinaafi waliingahiinsa suphaa Daandii ture furuuf dhiyeessii maashinariitif iddoo ol'aana kennuun hojii bal'aa hojjachaa turuu isaa ibsuun, rakkoowan gama kanaan ture furuuf waggoottan shanan darbanitti maashinoota gosa adda addaa 60 ol bituun Dameewwan Suphaa Godinaaleef raabsuu isaa ibsanii jiru. 

Itti dabaluun maashinoota haaraa amma bitamee dhiyaate kanneenis Dameewwan suphaafi ogeeyyiin maashinoota irratti ramadaman kununsaafi eegumsa gahaa akka taasisan ergaa kan dabarsan yoo ta'u, gara fuula duraattis hanqinoota jiru adda baasuun dhiyeessiin maashinarootaa gosa adda addaa qindoomina qaama hundaatin kan itti fufu ta'uu dhaamanii jiru.