Gamaggama Kurmaana 2ffaa

  • 13 Feb 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

 

1.Karoora gochaa (action plan) qabiyyee guutuu qabu kan dhuunfaa fi waliinii fi galma waloo qabachuu,

2.Hojimaata hojii mootummaa eeguun eeggattummaa malee fedhiin aantummaa uummataa gonfannee hojjachuu,

3.Hojii hojjatame sadarkaa hundatti yeroo yeroon madaaluu,

4.Sirna hordoffii, deeggarsaa fi duub deebii itti fufiinsa qabu taasisuu,

5. Qindoomina keessaa fi alaa cimsachuun hojii caalmaaf xiiqiin waliin hojjachuu,

6. Hojii hojjatame qofa  duguugnee yeroon gabaasuu,

7.Hojii hojjannu kalaqaan dabaluu, sonaa fi tooftaa  hojii saffisiisuu fi qulqullina eegisiisuu fayyadamuu,

8.Hojjiiwwan hojjataman bu’aa uummataaf argamsiiseen madaaluu,

9.Miira gareen hojjachuu, aadaa walgahoomsuu, jajjabeessuu fi deggaruu dagaagsuu,

10.Hanqinoota raawwii hojii keessatti mudatan qaama birootti qabuu irra ofiitti fiduun sababa baay’isuu irra abbaa furmaataa ta’uu,

11.Inisheetivii haaraa uumuun sirna galii Fandii Daandii sassaabuu fi raawwii ijaarsa riqaalee deemsa namootaa fi beeyladootaa (trial bridges) idileessuuf  xiyyeeffannoon hojjachuu,

12.Qabeenya murtaa’aan jiru (maashinaroota, boba’aa, meeshaalee jijjiirraa,bajata ) qusannaan waan karoorfameef qofa olchuu,

13.Itti quufiinsa uummataa /lammii/ dabaluuf  hooggansi fi hojjattoonni marti kutannoon hojjachuu,

14.Ariitiidhaan,qulqullina, baay’inaafi qindominaan hojjachuu aadaa mana hojii keenyaa taasifachuu,  Qabxiilee kanneen kanaa olii gaaffii fi fedhii uummataa gama ijaarsa fi suphaa daandii, riqaalee, bu’uraalee geejibaa fi loojistiksiin  jiru mirkaneessuuf kallattii xumuraa gamaaggamaa fi  marii  hojii kurmanaa 2ffaa   Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bara 2016 booda kennameedha. Hooggansi fi hojjattoonni caasaa BDLO godinaalee ,aanaalee fi dameewwan suphaas yeroo hojiif mijataa ta’e kana jabaadhaa. Qaama dhimmi ilaallatu hunda waliin qindoomnee yoo xiyyeeffannoon hojjanne karoora keenya galmaan gahuun fayyadamtummaa uummataa keenya ni mirkaneessina! Muuxannoo gagaarii galaa godhanee, hanqinaalee maqsinee haa hojjanuu! Caasaan bulchiinsaa godina, aanaa, magaalaa fi uummanni hundi  bakka jiruutti dhaabbilee ijaarsa fi suphaa jajjabeessuun, deggaruun akkasumas meeshaalee ijaarsa fi suphaa daandii eeggachuun tumsa barbaachisuu mara akka tasiistan BDLO wamicha dhiyyeessa.

 Nama waan yaadee fi duubbate raawwatuu nu haa taasiisuu! Misooma fi nageenya waaraa uummata keenyaaf!