Riqaalee ijaaruun lubbuu baraaruudha!
BDLO kan xumuramee tajaajilaaf banaa taasisuun kan ijaarsa irraa jiran xiyyeeffannoon, deeggarsaa, hordoffii fi too'annoo qindoominaan taasisaa jira
Biiroon Daandiiwwaniifi Loojistiksii Oromiyaa fi Dhaabbata HELVETAS Itoophiyaa waliin ta'uun riqaalee rarra'aa ijaarama jiraan keessaa godina Sh/ Bahaa Aanaaa Abuuseeraa keessatti ijarame kan xumuramee pirojektiin riqaa rarra'aan laga Aqaaqii bakka hooggansii BDLO fi Dhaabbata HELVETAS Itoophiyaa jiranitti gaafa guyyaa Guraandhala 11/2017 tajaajilaaf banaa ta'e jira.
Riqaan laga Aqaaqii deemsa namootaa, beeladootaa fi motorsaayikiliitiif oolu kun abbaa meetiraa 111 gosa N-type yoo ta'u baasii birrii miliyoona 12,966,392 kan ijaarameedha.
Riqaan kun yeroo gababaa keessatti kan ijaaree kontiraaktara Fanta Negash G/Construction dha. Hawaasni fi caasaan bulchiinsaa sadarkaan jiru kan xumuramee kunuunsee fayyadamaa pirojaktoota ijaarsa irraa jiran mara si'oominaan simatee tumsa barbaachisuu mara akka taasiisuu Injinar Caalaa Abdii dhaman Ijaarsii riqaalee rarra'aa madda carraa hojii fi iddoo bashannanaa!
Qindoominaan cimnee waliin hojjannaan 'Rivaan kutuu malee abdii kutuun hin jiru!'