Piroojaktiin daandii Corsoo-Diimtuu-Hambalaa-Shaakkisoa "Cont. III"

  • 19 Jul 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Maatiin Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa, qooda fudhatootni fi uummatni keenya baga gammaddan! Baga gammanne!

Piroojektiin daandii godinaalee sadii (Gujii, Gujii Lixaa fi Geediyoo) darbees naannoo Oromiyaa fi naannoo Kibba Itoophiyaa wal qunamsiisu kan fayidaa hawaas-dinagdee fi siyaasa biyya keessatti shoora ol'aanaa qabu, piroojektii daandii Corsoo-Diimtuu-Hambalaa-Shaakkisoo "Cont.III" hojjetamee eebbifama jira.Daandiin kun km 40.5 kan dheeratuu fi riqaa laga Mormora kan irra jiru yoo ta'u riqicha dabalatee birrii miliyoona dhibba saddeet (829,848,457.14)tiin kan ijaaramee dha. Dhaabbanni daandii kana ijaare dhaabbata ijaarsaa "Cush Ladder Construction PLC", walta'iinsa "Dirriba Defersha GC"tiinidha.Gorsaan ijaarsichaa pirojaktii kana immoo "Prominent Engineering Solutions" dha. Daandiin kun kan hojjatamee daandii guddichaa Finfinnee irraa gara magaalaa Shakkiso - geessuu irratti kan argamuu waan ta'eef sochii daldalaa,investimantii,tajaajila adda addaa godinaalee sadaniifi naannoolee lamaanf gumachaa guddaa qaba.Daandiin kun godinaalee cash crop guddina biyyaaf gahee ol'aanaa qaban keessatti waan ijaarameef nuuf gammachuu addaati.Jiraattonni godinalee kanneen fayyadamtootni daandii kana fi uummani naannoo fi biyyaa keenya hundi baga gammadan! Baga gammanne!

BDLO guutuu Oromiyaatti bara 2016tti pirojektoota ijaarsa daandii,riqaalee,bufataa qinda'aa konkolataafi qorannoofi dizayinii 214 fi hojiiwwan suphaa daandiiwwan gurguddoo fi SWGDB birrii biiliyoona 7 oliin ( 7,245,924,835.47) hojjetamaa turan xumuramuun tajaajilaaf qophaa'e jira.Pirojektoonni kunneenis godinaalee hundaatti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'a jiru. Raawwii hojiiwwan kanneen keessatti namoota 86,697 oliif carraan hojii dhabbiifi yeroo uumame jira. Waadaa Gale Gochaan Dhugoomsuun Fayyadamummaa Uummata Keenyaa Ni Mirkaneessina!