Nama gargaaruuf nama ta’uun gahaadha!

  • 27 Aug 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Rakkoon waggoota afurtamaa olii bara 2016tti nuuf furame Waaqayyoofis, namaafis galata! - Aadde Baayyuush Dabbabaafi maatii isaanii!

Ejjannoo “Harka qaleessa tokkoof, mana jireenyaa tokko Dameewwan Suphaa keenyaan" jedhuun manneen jireenyaa ijaaraman keessaa manni Aadde Baayyuush Dabbabaaf ijaarame xumurame.

Maatiin kun jiraattota godina Arsii aanaa Digaluufi Xijoo magaalaa Saguureeti.

Maatii kanaaf mani jireenya hojii tajaajila lammummaatiin bara 2016

hojjattoota wajjira Damee Suphaa Godina Arsiin hojjatame.

Manni maatii Aadde Baayyuushiif ijaarame jila I/A/Biiroo fi Gaggeessaa Damee Bulchiinsa fi Dhiyeessii fi

I/A/Biiroo fi Gaggeessaa Damee Misooma Bu'uuraalee Geejjibaa fi Loojistikiin durfamuun bakka bulchaan Aanaa Digaluu fi Xijoo Obbo Mahammad Abishuu, kantiibaan magaalaa Saguree Obbo Jawaroo, Itti gafatamaan paartii Obbo charinaati, Itti Gaafatamaan Wajjira Damee Suphaa Godina Arsii Injinar Naa’ol Gammachuu fi qamoolee gara garaa naannoo, godinaa fi aanichaa argamanitti ragaan abbaa qabeenyummaa kaartaa, furtuun manichaa fi meeshaaleen hooggansi aanichaafi magaalaa bite firaashii, uffata halkanii, zayitiifi kkf Hagayyaa 18/ 2016 kennameefii jira.

Miseensi maatii Aadde Baayyush

qaama miidhamaa tokko waan jiruuf manichi bifa isaaf mijatuun qulqullina olaanaan kan ijaarame ta'uus, Itti Gaafatamaan Wajjira Damee Suphaa Godina Arsii Injinar Naa'ool Gammachuu ibsanii jiru. Sagantichaa irratti kan hirmataan

I/A/Biiroo fi Gag. Damee Bulchiinsa fi Dhiyeessii Obbo Taayyee Guddisaa hojii tajaajila lammummaatiin imimmaan haadhoolii harka qalleeyyii hedduu haxaa'amaa jiraachuu fi rakkoo namoota harka qalleeyyii furuun akka danda'amu Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa qabatamaan waan argeef karoorfatee irratti hojjataa akka jiru himani.

Harmeen manni ijaarameef Aadde Baayyuush dhaabiinsa mana jireenyaan waggaa afurtamaa oliif rakkoo ibsuuf ulfaatu keessa kan turan ta'uu ibsuun, amma bu'ura irraa rakkoon kun furamuufiitti gammachuu qaban ibsuun, barri 2016 bara ifti maatii koof baate waan ta'eef Rabbii fi qamoolee hadha qa'ee fi warra manaa na taasiise Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii, hooggansa aanaa Digaluufi Xijoo, magaalaa Saguuree, Wajjira Damee Suphaa Godina Arsii fi qamoolee hojii kana keessatti hirmaatan mara umurii koo gutuun galateeffaadha jedhu. Naaf jiraadhaa, Galatoomaa jedhanii jiru.

BDLOn hojiin tajaajila lammummaa rakkoo harka qalleeyyii hedduu waan furuuf har'as, borus hojii tajaajila lammummaatiin uummata, lammiilee keenya bira ni dhaabbata! Qamooleen hojii eebbifama kanaa keessatti hirmaatan keessumaa hooggansii BDLO, aanaa Digaluufi Xijoo fi magaalaa Saguuree wajjira Damee Suphaa Godina Arsii, jiraattotni magaalaa Saguureefi qamooleen gara garaa hojii kana irratti hirmaattan hunduu galatoomaa!

Xumura sagantichaa boodas Buufatni Qindaawaa Konkolaataa magaalaa Asallaa daawwatamee jira.

Hojii keenya idileenis itti quufinsaa tajaajilamaa keenya mirkanneessuuf miira xiiqiin caasaa keenya naannoo hanga aanaalee, qooda fudhattootafi uummata keenya mara waliin woloomnee ni hojjanna.