Daandii fi jiruuf-jireenya hawaasaa!
Qonnaan bulaa, daldalaa, horsiisee bulaa, akkasumas, hawaasti marti jiruufi jireenya isaaf daandiin barbaachisaadha. Karoora seektaroota, karoora nama dhuunfa, naannoofi biyyaa saffisiisuufi milkeessuu keessatti daandiin shoora olaanaa qaba. Qonnaan bulaan oomisha isaa kan gabaaf dhiyyeessatu, galteen qonnaa, fayyaa, barnootaa, ... yeroon bakka yaadame kan gahu yoo daandiin jirateedha. Kanaaf daandiin sochiin hawaas-dinagdee, siyaasa biyyaa akka milkaa'uuf, akka ammayaa'uuf daandii sadarkaa isaa eeggatee tajaajila bonaa-gannaa kennu qabaachuun murteessaadha. Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa ergama kana mirkanessuuf hojjachaa jira. Fedhii fi gaaffii uummataa deebisuuf, karoora bara 2016 qabates guutuutti xumuruuf raawwii hojii ji'oota sagalii irratti mari'achuun kallattii hojii yeroo itti aanuu kaayee jira.
Kanaafuu maatiin BDLO naannoo hanga aanaaleetti jirtan qaama dhimmi ilaallatu hunda waliin qindoomnee muuxannoo gaggaarii galaa godhannee, hanqinaalee raawwii hojii keessatti mudatan qaama birootti qabuu irra ofiitti fiduun sababa baay’isuu irra, abbaa furmaataa ta’uun xiyyeeffannoon waloomnee yoo hojjanne; karoora keenya milkeessuun fayyadamtummaa uummata keenyaa ni mirkaneessina! Piroojektootni ariitiidhaan, qulqullinaa fi baay'inaan ijaaru fi suphuuf sirna hordoffii fi deggarsaa bu'aa irratti xiyyeeffate taasiisuuf waliigalameera.
Daandiin lafee dugdaa misooma biyyaati!