Pirojeektii Buufata Konkolaataa Qindaawaa magaalaa Jimmaa

  • 16 Feb 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Buufatni Konkolaataa Qindaa'aa Magaalaa Jimmaa Pirojaktii Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bara 2016 xumuruun tajaajila hawaasaaf qaqqabsiisuuf miira xiiqiin hojjachisaa jiruudha. Gaaffii uummataa deebisuuf tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun, pirojaktii kana erga dhaabbata Ijaarsa OBM fi dhaabbata gorsaa ECOtti kennamee raawwiin isaa saffisaa jira. Yeroo ammaa hojjatootni kun halluu gamoo dibaa, kaan iddoo paarkingii konkolaataa hojjachaa, kaan dallaa hojjachaa, ... akka jiraan daaw'annee jira. Gorsaan pirojaktichaa Injinar Daanyee Araarsaa Buufata Konkolaataa Jimmaa qulqullinaa fi ariitiin xumuruuf xiyyeeffannoon hordofaa akka jiran ibsanii jiru. Kontiraktarri (OBM construction) sirna ijaarsa isaa cimsee itti fufee yeroo gabaabaa keessatti xumuruun hawaasa jimmaa fi naannoo sanaa akka nuuf gammachiisu amaanaa jenbaan!

Sababni isaas pirojaktootni  bu'uraalee geejibaa fi loojistiksii utubaa diinagdee magaalotaati, iddoo itti rakkoon hawaas-diinagdee uummataa itti furamu, madda galii fi carraa hojiiti. Yoo harkifate miidhaan qaqqabsiisu guddaadha, tajaajila hunda bakka tokkootti waan kennuuf  galii magaalootaa quucarsa. Kaanafuu Kontirakitarootni, gorstootni, dhaabbileen hojii ijaarsa  bu’uraalee geejibaa fi loojistiksii, daandii fi riqaalee of-harkaa qabdan hundi ergama dachaa akka qabdan hubachuun yeroo hojii ijaarsa fi suphaa pirojaktootaaf murteessaa ta'e kana eeggattummaa (walitti qabannaa) ittisuun kutannoo fi qindoominaan  haala mijataa eeguu caalaa haala mijeessuun humna guutuun  hojjachuun  imaanaa fudhatanii fi waadaa seentan galmaan gahuuf hojii keessan daran akka cimsitan, akka itti fuftan  Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa abdii guddaa qaba! Caasaan bulchiinsaa fi hawaasni keenyas dhaabbilee  ijaarsa fi suphaa waan barbaachiisuu maraan tumsuu cimsee akka itti fufu dhaamna.

Qindoomina, saffisa, qulqullinaa fi baayi'inaan hojjachuu duudhaa mana hojii keenyaa haa taasifannu!