Dhalootaaf har'as, borus ni dhaabna! Ni hojjanna!

  • 26 Aug 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Hooggantoonnifi Hojjettoonni Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa waamichaa yaadama haaraa Muummee ministeera, biyyaafi naannoo keenyaaf awwachuun Sagantaa seenaa haaraa akka biyyaatti galmeessisuuf hojjatama jiru milkeessuuf ,egeree dhaloota boruuf wabii ka"uuf qindoomina fi tokkummaan biqiltuuwwan bosonaa (heexoo, acacia, shuwwashuwwee) kan nyaataa (Muuzii, appilii, birtukaana, loomii, pappayaa, avokaadoo kan diqaalome ) kan miidhaginaa (Abucaria, ficus gosa adda addaa, terminal, bottle brush, cipres) Godina Sh/K/Lixaa Aanaa Wancii

Adoolessa 16 /2016 marsaa 1ffaan

1.Naannoo magaalaa Cittuu

2.Mana Barumsa Ifaa Boruu Haroo Wancii Sadarkaa 2ffaa

3.Moraa Damee Suphaa Sh/K/Lixaa

Hagayya 17/2016 marsaa 2ffaan

4. Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaan mana barnoota Addaa Ifa Boruu Bitee Sad.2ffaa Zoonii Bitee keessaa dhaabbee jira.

Biqiltuuwwan dhaabte akka hin manca’anee BDLO gamanummaa egumsaa fi kunuunsa ni tasiisa! Ta’uus garuu hawaasni naannoo biqiltuun itti dhaabatee qabeenya isaan waan ta’ee kunuunsuun eggachuu qabu.