Hojii ijaarsaa fi suphaa xiyyeeffannoo argachu akka qabu ibsame

  • 26 Feb 2025
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Hojiin ijaarsaafi suphaa akkumaa mootummaa biratti xiyyeeffannoo argatee kutaalee hawaasa hunda birratti xiyyeeffannoo argachuu akka qabu Hoggana I/A/Biiroofi Gaggeessan Damee Misoomaa Daandii Injinar Caalaa Abdii Ayyalaa ibsan.

Sagantaan Gumii Balballoomii Dhimma "Misooma fi Bulchiinsa Daandii " hara'a gaggeeffamee irratti mootummaan yeroo yeroon qabeenya daandii bali'inaan dabaluuf sagantaa adda addaa bocee hojjachaa kan turee ta"u Daandiiwwan Sagantaa Waliingahiinsa Daandii Baadiyyaa (SWGDB) kassuun eerame. Ammaas mootummaan daandiin jiruuf jireenya dhala namaaf dirqama kan barbaachisuufi guddina biyyaa tokko gama haawas-dinagdee, siyaasaan daggagisuuf

Hojii Waliingahiinsa Daandiif Yaadama Haaraa!

Hojii Suphaa Daandiif Fala Waaraa!

kan ta'ee bara 2017 Sagantaa:

Walitti Hidhamiinsa Daandii Milkaa'ina Sagantaa Wabii Nyaataatiif

(Road Connectivity for Food Security Program) RCFS hojiin suphaa daandii fi ijaarsa daandii haaraa ittiin gaggeeffamuu eegaluu himan.

Hojii ijaarsaafi suphaa pirojektoota milkeessuuf Caasaan bulchiinsa fi kutaaleen hawaasa marti daangaa pirojektoota kabajuun, yeroon qabeenya irraa kaasuun, qabeenya umamaa (biyyoo filatamaa, cirrachaa) naannoo hojii pirojektootaaf olaan eyyamuun, meeshaleefi maashinaroota hojii pirojektoota eegachuun,hojjatootaja simachuun jjabeessuufi si'eessuun hojii pirojektoota qulqullinaan, saffisaanfi baay'inaan hojjachuuf shoraa olaanaa waan qabuuf dhimmii misooma fi bulchiinsa daandii dhimma lammiilee mara ta'uu akka qabu ibsuun haawasnii tumsa taasisaa jiru cimsee akka itti fufu Injinar Caalaa dhaman.

Gaaffii fi fedhii uummanni daandiin walqabatee kaasuu bu'ura irraa furuuf biirichii kuttannoon hojjachaa akka jiruus himamee jira.

Ammaas gaaffii, komii fi fedhii ummataa gama suphaa Daandiiwwan Sagantaa Waliingahiinsa Daandii Baadiyyaatiin jiru mirkaneessuuf fali jiru seektarootni

miseensota fi gorsitoota Boordii Fandii Daandii sadarkaa naannoo hanga aanaaleetti jiran keessumaayyuu, seektarootni galii sassaabuuf gaheen (maandeettii) labsiin kennameef caasaan Biiroo Maallaqaa fi Galiiwwanii Oromiyaa, caasaan Abbaa Taayitaa Eegumsa naannoo fi Misooma Albuudaa sadarkaan jiran roga hundaan eeggattummaa malee qooda isaanii akkaata labsiitiin rawwachuun daandiiwwan naannoo keenya manca'insaa irraa baraaruu dirqama ta'u fi hojiiwwan suphaa daandii akkuma mootummaa biratti hojii xiyyeeffannoo ta'eetti hawaasa keessattis xiyyeeffannoo akka argatuuf daandiin qabeenya waloo waan ta'eef ajandaa waliin hooggansa fi hawaasa mara taasisuun barbaachisaa ta'uunis ibsame!

Yaada,gaaffii fi qeeqa uummata galtee taasifachuun qamoolee dhimmii ilaalatuu waliin xiyyeeffannoon kan hojjatan ta 'u marii irratti kan hirmatan Daayirektara Qindeessaa Bulchiinsa Qabeenya Daandii

Injinar Nugusee Kabbadaa, Daayireektoreettii Bulchiinsaa Fandii Daandiiwwanii Obbo Geetaachoo Irraandhufaa fi Injinar Caalaan ibsuun hawaasni kan ijaaramee kunuunsaa, pirojektoota ijaarsaa fi suphaa irraa jiran hojiiwwan ijaarsaa fi suphaa daandii, riqaalee fi bu'uuraalee geejjibaa fi loojistikiii tumsu akka qaban waamichaa dabarsan

Nageenyummaa Daandiiwwan Keenya Numaan!