Naannoo Oromiyaatti waggoottan shanan darbanitti hojiileen misoomaa daandii milkaa'inaa hojjatameera jedhame.
Kallacha Bitooteessa 23,2018 Naannoo Oromiyaatti waggoottan shanan darbanitti hojiieen misoomaa daandii xiyyeeffannoon hojjatamaa turuufi bu'aan gamaa'uu Biiroon Daandiiwwaniifi Loojistikii Oromiyaa ibse.
Biiroo Daadiiwwan Oromiyaatti Daareektara Kominikeeshinii Aadde Masarat Hundee sagantaa Agarsiisa Raawwii Mootummaa Naannoo Oromiyaa waggoottan shanan darbanirratti xiyyeeffate gaggeeffamaa jirurratti yaada addatti Kallacha Oromiyaaf kennaniin daandiin qabeenya waloo ummataa ta'uu ibsanii, biirichis waggoottan shanan darban hojiiwwan misooma daandii buuuraalee geejjibaa, loojistikii karoorsuun hojjachiisuu, suphuu ,bulchuufi kunnuunsuurratti kallattii ergamni kennameen hojjachaa tureera jedhan
Utubaalee dinagdee biyyaafi naannoo kan ta'e industirii geejjibaa Oromiyaa keessatti babal'isuufi ammayyeessuun kenniinsa tajaajilaa si'ataa, mijaa'aa hawwataa taasisuufis biirichi hojii misoomaa bu'uuraalee geejjibaa hojjachaa jiraachuus kaasanii kanaanis hanga bara 2017tti buufataaleen konkolaataa qindaawaa kudhan xumuramuun tajaajilaaf banaa ta'aniiru jedhan.
Bara bajata 2018 pirojektootni buufta konkolaataaqin daa'aan afur (Magaalaa Asallaa, Fiichee, Gimbiifi Bulee Horaa) hojjatamaa jiraachuu himanii dabalataanis hojiin dizaayiniifi qorannoo pirojektoota haaraa 12 qophaa'uus ibsaniiru.
Xumura bara 2013 qabeenyi daandii Naannoon Oromiyaa qabdu kiloomeetira kuma 58fi shantama ta'uus dubbatanii, hojii bal'aa hojjatamaa tureen hanga bara 2017tti qabeenya daandiiwwan gara garaa Naannoon Oromiyaa qabdu gara kiloomeetira kuma 63fi dhibbaa shaniirra gaheeras jedhan.
Waggoottan shanan kana keessatti daandiiwwan gugguddoon kiloomeetirri isaanii dhadheerraa tahanis hojjatamuus eeranii, daandii Godina Baalee Aanaa Dolloo Mannaa kiloomeetira 96 kan riqaalee gugguddaa 9fi istiraakcharoota gugguddaa qabu akka fakkenyaatti eeranii daandiin kunis kontiraaktara biyya keessaa Koorporeeshinii ijaarsa Oromiyaatiin hojjatamuus dubbatan Aadde Masarat ibsaniiru.
Bara 2014 Naannoo Oromiyaa keessa riqaaleen rara'aan(trial bridge) lakkoofsaan 6 hin caalle bara 2016 irraa eegalee xiyyeeffannoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa kenneen, dhibbeentaa 80 bajataan deeggaruun waggoottan lamaan kana keessatti riqaalee rarra'aa 60 ta'an xumuramuun waliigala yeroo ammaa Naannoo Oromiyaa keessa 66 ol qaqqabuu dubbataniiru.
Riqaaleen rara'aan kunis lafa daandiin hin jirre naannoo baadiyyaa misooma bu'uuraa hin argatinitti ijaaramaa jiraachuufi akkasumas dhaabbata RCFSn riqaaleen rara'aan 77 yeroo ammaa hojjatamaa jiraachuus yaadachisaniiru.
Sagantaan walitti hidhamiinsa daandii baadiyyaa milkaa'ina wabii nyaataatiif jedhamuunis daandii haaraa baadiyyaa keessatti ijaaruu, suphuufi, riqaa rara'aa gurguddaan ijaaramaa jiraachuus kaasanii bajatni hojii kanaas aanaalee 35 keessatti hojiirra oolaa jiraachuu himanii, Baajanni kunis dhibbeentaa 30 Naannoon kan uuwwifamuufi harki 70n immoo Baankii Addunyaarra kan argame ta'uus himaniiru.

info@orlb.gov.et 

