Gamaaggam fi mariin raawwii hojii Suphaa Daandiiwwan idilee hanga kurmaana 2ffaa
Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa baajata Fandii Bulchiinsa Daandii Federaalaa irraaa ramadameen bara bajata 2016 karoora suphaa cimaa, salphaa fi suphaa mala humna namaan waligaala km 7,018.56 hojjatamuuf qabame keessaa hanga kurmaana 2ffaa bara 2016tti waliigalatti daandiin km 3,800 ol suphaa akka argatu ta’ee jira.
Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa dameewwan suphaa godinaalee digdama irraa kan qabu yoo ta’u olmaa har’aatiin raawwii hojii dameewwan kudhanii magaalaa Shaashamanneetti qorachuun kallattii hojii yeroo itti aanuu ka’ee jira.
Raawwii hojii keessatti jijjiirraan gatii meeshaalee suphaa, hanqina konkolaataa, maashinaroota hudhaalee suphaa daandii ta’uun ibsamee jira. Qabeenyi daandii naannoo Oromiyaa hanga xumura kurmaana 2ffaa bara 2016tti km 60,772.64 olitti waan olguddateef daandiiwwan itti fufiinsaan tajaajila gahaa akka kennu taasisuuf hojimaata hirmaachiisaa ta'e diriirsuun qindoominaa fi kutannoon hojjachuun murteessaa ta’uunis ibsamee jira.