Gaaffii fi fedhii ummataa gama suphaa daandiin jiru mirkaneessuuf maashinaroota barbachisaan
Gaaffii fi fedhii ummataa gama suphaa daandiin jiru mirkaneessuuf ; karaa ammayyaa fi saayinsawwaa ta’een yeroo tokkotti sarara tokko suphuuf crew/gareen tokko yoo xiqqate maashinaroota qabaachuu qabu
- Konkolaattota ittiin hojiin hordofamu 2
- Konko.Garagalchaa humna guutuun hojjatu yoo xiqqate 4
- Gireedara tokko
- Loodara tokko
- Doozara yookin Eksikaavatara tokko
- Roollera tokko
- Bottee Bishaanii tokko kan barbaachisuudha. Maashinarootni kunneen tajaajila itti fufinsa qabu kennuuf suphaa barbaaduu
Raawwii hojii suphaa keessatti hanqina konkolaataa,maashinaroota ,iddoon garaajii sadarkaa isaa eeggatee mijataan dhabamuu fi meeshaaleen jijjiiraa maashinaroota dhabamuun hudhaalee suphaa daandii ta’uun ni ibsama. BDLO meeshaalee jijjiira ‘modification’ qopheessuun maashinaroota suphuun dabalatanis maashinaroota kanneen qaalii ta’uus adeemsaan bitaan gutachuuf hagasiitti kiraadhaan hojiin akka itti fufu kallatiin ta’e hojiin suphaa daandii hojjatama jira. Giddu gala garaajiis qabaachuuf karoorfatee jira. Milkaa’ina karoora kanaaf qamooleen dhimmi ilaalatu tumsa barbaachisuu tasiisuu qabu. Uummanis qabeenya hojii suphaa fi ijaarsa daandiiwwanii maashinarootni qabeenya waloo uummata ta’uu beekuun akka qabeenya ofiitti kunuunsuu fi tiksuu, hojjattoota dhaabbilee ijaarsa fi suphaa gaggeessan,to’ataan deeggaruu,jajjabeessuu ni barbaachisaa.