Pirojeektii Buufata Konkolaataa Qindaawaa Magaalaa Walisoo

  • 18 Mar 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Pirojaktii Buufata Konkolaataa Qindaawaa Magaalaa Walisoo - pirojaktoota Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bara 2016 xumuruun tajaajila hawaasaaf qaqqabsiisuuf miira xiiqiin hojjachiisaa jiruu keessaa isa tokko. Pirojaktii kana dhaabbanni ijaaraa jiru "YOT construction plc" yoo ta'u, gorsaan pirojaktichaa immoo "Yohannes Abbay Consulting" dha. Ijaarsi Buufata Konkolaataa Qindaawaa Walisoo kan eegale ji'a Bitootessaa bara 2014 yoo ta'u, bal'inni iddoo ijaarsi itti gaggeeffamuu waliigalatti karee kuma 22 hanga 25 irratti. Lafti kun bakka dhaabbii konkolaataa (parking) fi ijaarsa gamoo tajaajila hunda galeessa ta'e kennu kan irratti ijaaramaa jiruudha. Gaggeessaan pirojaktichaa Injinar Tadesse Caannee bara kana xumuuruuf xiyyeeffannaan hojjatamaa akka jiru ibsanii jirus. Buufata Qindaa'aa Konkolaataa magaalaa Walisoo qulqullinaa fi ariitiin xumuruuf hordooffii tasiisaa kan jiran gorsaan Injinar Naqqaaxibab Abarraa, pirojakticha saffisiisuuf meeshaaleen ijaarsaa barbaachisan qopha'ee hojjatamaa waan jiruuf akkaataan karooraatiin kan xumuramu ta'uu ibsanii jiru.

Pirojaktichi karaa guutuu ta'een akka hojii eegaluuf tattaffiin hooggansi Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa tasiises guddaa ta'uu eeranii jiru. Ammas pirojaktichi miira eegalame kanaan itti fufiinsaan akka hojiin isaa cimuuf tumsi caasaa bulchiinsa magaalaa Walisoo, Aanaa Walisoo fi Godina Sh/K/Lixaa murteessaa akka ta'e himani. Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa irraa to'ataa pirojaktichaa kan ta'an Injinar Jagamaan immoo xiyyeeffannoo addaa tasiisuun sirni hordoffii fi deggarsaa kan tasiifamu ta'uu ibsani. Pirojaktootni bu'uraalee geejibaa fi loojistiksii tajaajila hunda bakka tokkotti waan kennuuf utubaa diinagdee magaalotaati, iddoo itti rakkoon hawaas-diinagdee uummataa itti furamu, madda galii fi carraa hojiiti. Kaanafuu kontirakitarootni, gorstootni, dhaabbileen hojii ijaarsa bu’uraalee geejibaa fi loojistiksii, daandii fi riqaalee of-harkaa qabdan hundi ergama dachaa akka qabdan hubachuun yeroo hojii ijaarsa fi suphaa pirojaktootaaf murteessaa ta'e kana eeggattummaa

ittisuun, kutannoo fi qindoominaan humna guutuun hojjachuun waadaa seentan galmaan gahuuf hojii keessan daran akka cimsitan Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa ni beeksisa. Caasaan bulchiinsaa fi hawaasni keenyas dhaabbilee ijaarsa fi suphaa waan barbaachisu maraan tumsuu cimsee akka itti fufu dhaamna.

Qindoomina, saffina, qulqullinaa fi baayi'inaan hojjachuu duudhaa mana hojii keenyaa haa taasifannu!