Qabeenyi Daandii Naannoo Oromiyaa kiiloo meetira 61,587.49

  • 16 Jul 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Hunduu kunuunsa, egumsaafi suphaa barbaadu.

Daandiin qabeenya walooti waan ta'eef kunuunsuun dirqama lammiilee hundaati!

Daandiiwwan ijaaraman tajaajila dheeraa akka kennaniif ganna keessaa daandiin bishaani fi lolaadhaan akka hin mancaaneef naannawa jirutti yaa'insa bishaanii bo'oo dhangala'aa bitaafi mirga daandiiwwanii qulqulleesuu, lolaaafi bishaan rooba daandii irraa qabuu, bo'oowwan lolaa daandiiwwan yeroo yeroon qulqulleesuu, looni/ horii daandii irra dhaabuu dhiisuu, daangaa bitaaf mirga daandiiwwanii kabajuufi kabachiisuu ykn lafa daangaa bitaaf mirga daandiiwwanii qonnaaf olchuu dhiisuu, qabeenya umamaa naannoos hojii suphaaf eeyyamuun qooda keenya haa bahannu.

Humna waloon daandiiwwan keenya haa kunuunsinu!

Daandiin bu'ura!