Gabaasa Kominikeeshinii Aanaa Daannoo:
Gurandhala 8/2016 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Daannootti komii hawaasa aanichaa hunda kan ture fi waggaa gara waggaatti lubbuu lammiilee hedduu balleessaa kan ture addaan cituun isaa komii hawaasa kan ture guyyaa har'aa ijaarsa riqaan laga Gibee bakka bulchaan Aanaa Daannoo obbo Sisaay Mulgeetaa fi itti Aanaa bulchaa obbo Abdiisaa Magarsaa Akkasumas ogeessoonni Oromiyaa,Godinaa fi Aanichaa argamanitti Dhaabbata Hayilee Maammoo generaal kontiraktara jedhamuu waliin wal harkaa fuudhinsa saayitii fi center line marking taasifamee jira.
Obbo Sisaay Mulugeetaa Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Daannoo akka jedhanitti yeroo dheeraaf riqaan laga Gibee gaaffiin hawaasa keenyaa kan ture yeroo ammaa gara hojiitti Akka galuuf Wal harkaa fudhiinsi isaa taasifamee Jiraachuu himan.Itti Aanaa Bulchaa Aanaa Daannoo Obbo Abdiisaa Magarsaa akka jedhanitti hojiilee bur'uuralee misooma irratti xiyyeeffannoo kennuun hojiin bal'aan Hojjetamaa Jira. Kanaaf rakkoo Hawaasa keenyaa furuuf hojjetamaa jira jedhan
Obbo Shallamaa Diroosaa itti gaafatamaa Waajjira Daandii fi lojistiksii Aanaa Daannoo akka jedhaniitti lafarra harkifachuun ijaarsa riqaa laga Gibee lubbuu hawaasa bal'aa aanichaa ballessaa waan tureef akkataa barbaadamee fi yeroo kaa'ame keessatti xumuramuu akka qabu himan.