Pirojektootni misoomaa hojjamaa jiran mindaa ummata keenyaa ta'uun ibsame.
Amajji 25/2018: Godina Arsii Aanaa Digaluu fi Xiijootti Pirojektiin suphaa daandii Lolee Hoofii - Ayimuraa Booladanaa hojjatamaa jira.
Bulchaan Bilchiinsa Aanaa Digaluu fi Xiijoo obbo Muhaammad Aabbishuu suphaan daandii Lolee Hoofii- Ayimuraa Booladanaa komii ummataa fi gaafii bulchiinsa gaarii hawaasa Ganda Ayimuraa Booladanaa ta'uu ibsuun ; fayyadamummaa hawaasa gandichaa guddisuuf Pirojektichaaf xiiyyeeffannoo kennuun hojjachaa jiraachuu ibsaniiru.
Pirojektootni misoomaa hojjatamaa jiranis mindaa ummata keenyaa ta'uun ibsuun; sirna hordoffii fi deeggarsa keenyaa cimsuun pirojektootni hojjataman ariitii fi qulqullinnaan yeroo waliigaltee taasifame keessatti hojjachuun faayidaa ummata keenyaaf oolchuu qabna jechuun dhaamaniiru.

info@orlb.gov.et 

