Daandiin Sagantaa Waliin Gahiinsa Daandii Baadiyyaatiin hojjatamee km 35,640 ta'u har’a suphaa hatattamaa barbaada.

  • 01 Apr 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Rakkoon gaafa hammaatu dhalli namaa humna qabuun fala barbaaddata. Ijaarsi SWGDB fedhii fi kaka’umsa uummataati. Rakkoo gama daandiin qabu furachuuf hirmannaa uummataa fi abbootii qabeenyaa, dhaabbilee misoomaa fi miti-mootummaa walitti qindeessuun daandii baadiyyaa humna namaatiin hojjechuun bara 2001 hanga 2003 keessa eegale. Bara 2003 baajata aanaa, buusii fi gumaacha uummataa, hirmaannaa humna bilisaa uummataa fi qabeenya dhaabbilee misoomaa adda addaa, abbootii qabeenyaa fi miti-mootummaan hojii lafaa km 1,689.5 hojjetame keessaa daandiin km 592.85 istraakcheroota xixiqqaa waliin aanaalee 44 godinoota 17 keessatti cirracha uffateera. Sana booda bara 2004 bajataan deeggaramee hojiin daandii km hedduun hojjatameera.

Hojiin suphaa daandiis akkuma ijaarsaa bajata mootummaatiin qofa galmaan gahuun hin danda’amu. Bajata waliigalaa Fandii Bulchiinsa Daandii Federaalaa Dameewwan suphaa 20n hojiiwwan suphaa daandii cirrachaa gaaggeeffamaa jira. Ammas hojii suphaa daandiiwwan SWGDBn ijaarameef wabiin abbootii qabeenyaa, dhaabbilee misoomaa fi hirmaannaa uummata maraati. Muuxannoo ijaarsa irratti argame suphaa irratti fiduun nageenyummaa daandiiwwanii eeguuf Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa (Labsii 224/2012, Dambii 223/2013 fi Qajeelfama 01/2014tiin Baheen bara 2015 galii sassaabuun eegalameera. FDNOn galiin hanga Muddee bara 2016ti walitti qabamee birrii mililyoona dhibbaa fi jahaatamaa oli aanaaleef gadi bu’ee hojiin suphaa SWGDB hojjatamaa jira. Bara 2016 Galii Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaan daandilee Sagantaa Waliingahiinsa Daandii Baadiyyaa (SWGDB) bara 2003 irraa egaalee hanga bara 2009tti hojjatame keessaa suphaa salphaa fi cimaadhaan daandiiwwan km 7028 suphuuf bara kana tilmaaman birriin 412,006,895 walitti qabamuuf karoorfamee hojiin galii sassaabuu godinaalee naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Gama biroon hojiin dameewwan suphaaf meeshaalee guutuus hojjatamaa jira. Maashinaroota adeemsa bittaa irra jiran keessaa tibbana wheel loader tokko bitamee hojiif qopha’ee jira.

Maashinarootni hojii suphaa fi ijaarsa daandiiwwanii qabeenya uummataa mara waan ta’eef eeggachaa hojjattoota dhaabbilee ijaarsa fi suphaas jajjabeessaa galii sassaabbii Fandii Daandiiwwanii haa cimsinu.

Daandiin SWGDB tiin hojjatame km 35,640 har’a suphaa hatattamaa barbaada. Milkaa’ina isaaf miseensoonni Bordii Fandii Daandii Naannoo Oromiyaa, Boordii Gorsitootaa Sadarkaa Godinaa fi aanaalee fi kutaaleen hawaasaa hundi xiiqiin gahee isaanii bahachuun dirqama ta’a. Humni uummataa yoo qindaa’e raajii hojjata! Kanaaf SWGDB fakkeenya.