Yaadan gara biyya warqee fi buna haa imallu! * * * * * * ***
Piroojektootni ariitiidhan, qulqullinaan fi baay'inaan akka hojjatamaniif sirni hordoffii, deeggarsaa fi duub-deebii kennuu cimee itti fufee jira.Piroojektoota bara 2016 xumuruun tajaajila hawaasaaf banaa tasiisuuf hojjetamaa jiran keessaa tokko piroojaktii daandii Corsoo Hanbalaa - Diimtuu - Shaakkisoo Cont.III dha.Daandiin kun godina Gujiitti kan hojjatamu yoo ta'u km 40.5 kan dheeratuudha. Dhaabbanni daandicha ijaaraa jiru dhaabbata ijaarsaa "Cush Ladder Construction PLC", walta'iinsa Dirriba Defersha GC yoo ta'u, gorsaan ijaarsichaa immoo "Prominent Engineering Solutions" dha. Dhaabbileen kunneenis daandii kana ariitiin xumuruun tajaajila hawaasaf akka olchan dhaamna.