Contact Us  0118388196/0118350886/0118342722  info@orlb.gov.et       

  • Slide Background Image
    Riiqichaa Laga Awash
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Daandii Silala Hiddi Lolaa
  • Slide Background Image
    Godina Arsii Riqaa Deemsa Miilaa Namootaa fi Beeyladootaa Kofalchisaa
  • Slide Background Image
    Godina Arsii Riqaa Deemsa Miilaa Namootaa fi Beeyladootaa Kofalchisaa
  • Slide Background Image
    Daandii Addeellee - Sakkinaa "Contract II" fi Riqaa Laga Elellee
  • Slide Background Image
    Pirojeektii Buufata Konkolaataa Qindaawaa Magaalaa Walisoo
  • Slide Background Image
    Riqa Unkee Godina Arsii Aanaa Shanaan Koluu
  • Slide Background Image
    Riqaa Laga Jamaa (Meetira 277) Sh/Kaabaa
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Piroojaktiin daandii Corsoo-Diimtuu-Hambalaa-Shaakkisoa "Cont. III"
    Text Caption
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Riqaa Rarra'aa laga Ciniinaa , Riqaa Laga Mormora fi Riqaa Rarra’aa laga Malkaa Harree
  • Slide Background Image
    Dhalootaaf har'as, borus ni dhaabna! Ni hojjanna!
    Text Caption
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Riqaalee Rrarra'aa Ijaaraman keessaa Godina Sh/ Bahaa Aanaaa Abuuseeraa keessati argamu
    Text Caption

You are here

Aangoofi hojii Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa

1. Daandiiwwan naanniichaa abbummaan ni bulcha; ni to’ata; ni kunuunsa; ni supha; ni suphisiisa; sadarkaa isaanii ni fooyyessa;

2. Karooraafi sagantaa daandiiwwan babal’isuu, suphuufi sadarkaa ol guddisuuf gargaaran ni qopheessa;

3.Sadarkaa tajaajila daandiifi sadarkaa dizaayinii daandii fedhiifi guddina diinagdee irratti hundaa’e ni qopheessa; qaama dhimmi ilaaluun yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha;

   hojiirra akka oolu ni taasisa;

4. Daandiifi riqichi akkaataa sadarkaafi barbaachisummaa isaatti kontiraaktaraan yookiin ummataan akka ijaaramu, suphamu, sadarkaan isaa akka fooyya’u, akkasumas akka

    kunuunfamu ni taasisa;

5. Qorannoofi qo’annoo daandiifi daandiin walqabate ni gaggeessa; akka gaggeeffamu ni taasisa; ragaaleefi istaastistiksii adda addaa walitti ni qaba; ni qindeessa; ni tamsaasa; ni

    gabaasa;

6. Tooftaa daandiifi riqichi ittiin qoratamu, dizaayiniin ittiin qophaa’u akkasumas ijaarsiifi suphaan ittiin raawwatamu ni diriirsa; hojiirra ni oolcha; hojiirra oolmaa isaas ni hordofa;

7. Teknolojiiwwan gatii xiqqaan daandii babal’isuu, suphuufi sadarkaa ol guddisuuf gargaaru yeroo yeroon qoratee hojiirra ni oolcha;

8. Hawaasni sadarkaa adda addaatti gurmaa’ee humnaafi qabeenya isaa qindeessuudhaan daandii hawaasaafi daandiiwwan kan biroo akka ijaaru, suphuufi kunuunsu ni taasisa; 

    deeggarsa ogummaafi meeshaalee ijaarsaa ni kenna;

9. Qulqullina raawwii ijaarsaafi suphaa daandii ni to’ata; qaama birotiinis akka to’atamu ni taasisa;

                                                    

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0118388196/0118350886/0118342722
  • E-Mail:info@orlb.gov.et
  • Website:-www.orlb.gov.et
  • Postaa:-42937

Miidiyaa Hawaasaa

                  Copyright @2024 by Oromia Roads and Logistics Bureau| www.orlb.gov.et