Ijaarsa riqaalee deemsa miilaa namootaa fi beeyladootaa (trail bridges)
Ijaarsa riqaalee deemsa miilaa namootaa fi beeyladootaa (trail bridges) quba qabaadhaa!
Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa hojjiiwwan bara 2016 xiyyeeffannoon hojjachaa jiru keessaa tokko ijaarsa riqaalee deemsa miilaa, namootaa fi beeyladootaa (trail bridges) dha. Maddi bajata hojii riqaalee deemsa miilaa kun, mootummaa fi dhaabbata Helvetas Swiss Intercorporation dha.
Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bara 2016tti riqaalee deemsa miilaa namootaa fi beeyladootaa 28 aanaalee naannoo Oromiyaa keessatti hojjachisuuf bajata birrii 127,109,882 qabatee hojjachaa jira.
Dhaabbatni Helvetas Swiss Intercorporation immoo deeggarsa maallaqaa, meeshaalee ijaarsaa; kanneen akka sibilla, shiboo, bulldog, grips fi thimbles fi meeshaalee hordoffii fi deeggarsaa ni dhiyeessa. Hojiin riqaalee kunneen kan ijaaraman naannoo carraa misooma daandii hin arganneefi lageen daandii hin qabne gaara, qillee fi tabba ta'an keessattuu iddoowwan bonaa-ganna uummata keenya bahaagala dhorkan irrattiidha.
Riqaalee kanneeniif dizaayiniin hojjatamee jira. Riqaalee shan yeroo gababaa keessatti xumuruuf hojiitti galamee jira. Kanneen hafanis tooftaan ariitii fi qulqullinaan hojjachuun danda’amu irratti bocamee adeemsarra jiru.
Hojiiwwan ijaarsa riqaalee kanneen naannoo keenyatti idileessuuf qindoominaa fi kutannoon hojjachuun murteessaadha. Ijaarsi riqaalee kanaas tumsa caasaa sadarkaan jiranii fi hawaasa mara keessummayyuu uummata naannoo pirojaktootaa barbaada.
Riqaalee deemsa miila namootaa fi beeyladootaa hojiin isaa bara 2016 irraa eegalee hojjatamaa jiru keessaa Godina Arsiitti riqaa Kofalchisaa, Naannoo magaalaa Adaamaatti riqaa Ciniina fi riqaa deemsa miilaa Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bara 2010 godina Shawaa Bahaa aanaa Boraa laga Afran Malkaa irratti hojjatame suuraadhaan: