Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaattii
Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa
Bulchiinsa Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa
Seensa
Daandiin misooma kamiyyuu keessatti hidda dhiigaa waan ta’eef daandii misoomsuun haaromsa, guddinaa fi dagaagina hawaas-dinagdee biyyaatiif bu’uura ijoo akka ta’e ni beekama.
Kanarraa ka’uun, daandiiwwan mootummaa naannoo keenyaan baasiin guddaan itti bahee hojjetaman yeroo yeroon suphuu,suphisiisuu,fooyyessuu fi nageenyummaa isaa mirkaneessuun yeroo dheeraaf tajaajila kennuu akka danda’an taasisuun barbaachisaa ta’us; hojiiwwan kanneen humna mootummaa qofaan raawwachuun kan hin danda’amne waan ta’eef fandii daandii hundeessuun madda faayinaansii dhaabbataa akka qabaatuuf Labsii Lakk.224/2012, Dambii labsichaa Lakk.223/2013 fi qajeelfama lakk.01/2014 Fandii Daandiiwwan Naanno Oromiyaa bahuun isaa ni yaadatama.
(Labsii 224/2012,Dambii 223/2013,Qajeelfama 01/2014 fi Manuwaalii bara 2014 )
1.Fandii Daandii Jechuun Maal Jechuudhaa?
Fandii daandii jechuun madda faayinaansii dhaabbataa daandiiwwan cirrachaa naannichaa suphuu,suphisiisuu,fooyyessuu fi nageenyummaa isaanii mirkaneessuuf kan oolu dha.
2. Fandii Daandii Hundeessuun Maaliif Barbaachisee?
Daandiiwwan Mootummaa Naannichaatiin baasiin guddaan itti bahee hojjetaman yeroo yeroon suphuu,suphisiisuu, fooyyessuu fi nageenyummaa isaanii mirkaneessuun yeroo dheeraaf tajaajila kennuu akka danda’an taasisuun barbaachisaa ta’us; hojiiwwan kanneen humna mootummaa qofaan raawwachuun kan hin danda’amne waan ta’eef fandii daandii hundeessuun maddi faayinaansii dhaabbataan hojiiwwan kanaaf oolu akka jiraatu taasisuun barbaachisaa ta’ee jira.
3.Kaayyoon Fandichaa Maalii?
4.Daangaan Raawwatinsaa Fandichaa Hangamii?
5. Maddi Galii Fandichaa Maalii? Labsii 224/2012 keewwata7(1-7),Dambii 223/2013 keewwata 5-10
5.1.Baajata kaappitaalaa Mootummaan rammadamu; Mootummaan naannichaa baajata pirojektii kaappitaalaa bara baajatichaa keessatti BDLO tiif qabamu keessaa %20 gadi kan hin
taane fandichaaf ni rammada
5.2.Galii oomisha qonnaa gabaa biyya keessaa fi biyya alaatiif dhiyaatu irraa argarnu,
5.3. Galii oomisha albuuda irraa argamu dambii,
5.4.Galii gurgurtaa oomisha bosonaa irraa argamu,
5.5.Galii dhimmoota geejjibaan waliin wal-qabatan irraa argarnu fi
5.6. Galii hirmaannaa umrnataa fi kennaawwan adda addaa irraa argamu.
6. Fandiin Kun Akkamiin Sassaabamaa?Baankii Kamitti Galaa?Labsii 224/2012 keewwata-8(1-3)
7.Galii Kana Eenyutuu Sassaabaa? Labsii 224/2012 keewwata-9(1-9) fi Dambii keewwata-6-10
A. Biiroo Maallaqaa Oromiyaa-Baajata kaappitaala BDLO fi Caasaa isaa tiif waggaan rammadamu irraa 20% bajata qabuun,
B. Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa fi Caasaa isaa:-
C.Ejjensii Geejjibaa Oromiyaa fi Caasaa isaa:-
D.Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi Caasaa isaa fi DHBBBO:
E.BDLO fi Caasaa isaa kennawwan adda addaa irra sassaabamu, dambii kwt-10(1).
F.Kaffaltii Taarifa Daandii SWGDB irraa labsii kwt 7(2)(d) fi qajeelfama lakk.01/2014 kwt-11(1-5)-bakka daandii cirrachaa SWGDB jiru qofa irraa sassaabama.
8.Maallaqni Fandiichaa Akkamiin Baasii Ta’aa? Labsii kwt-10
9.Qaamoleen Bulchiinsa Fandichaa Eenyuu fadhaa? Labsii kwt-11(1) fi Dambii kwt-11-12
I. Boordii Fandii Daandii Sadarkaa naannoo,
II. Boordii Gorsitootaa Sadarkaa Godinaa fi
III. Boordii Gorsitootaa Sadarkaa Aanaa.
10. Sirna Odiitii Fandii daandii Naannoo:- labsii kwt-16(1-3) fi Qajeelfama fandii -kwt-16(1-4)
1) Herregni Fandichaa mana hojii Odiitara Muummichaa Oromiyaa yookiin Odiitara alaa manni hojii Oditara Muummichaa yookiin Boordiin bakka buuseen qoratamuu ni danda’a.
2) Herregichi kan qoratamu akka biyyaatti sirnaa fi hojiiwwan qo rannoo herrega fudhatamum maa qabuun ta’ee, gabaasni odiitii Boordiif ni dhiyaata.
3) Akkaataa barbaachisummaa isaatti hojiiwwan Fandichaan raawwataman irratti qorannoon teekiniikaa ni raawwatama.
4) Biiroon hojii guyyaa guyyaa ilaalchisee odiitara keessaatiin odiitii akka ta’u ni taasisa; argannoo isaa kurmaanatti yookiin waggaatti Boordiif gabaasa ni dhiyeessa
Daayirektoreetii Bulchiinsa Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa
Copyright @2024 by Oromia Roads and Logistics Bureau| www.orlb.gov.et