Ariitiidhaan, qulqullinaa fi baay'inaan hojjachuun carraa biroos ni argamsiisa!
Ijaarsii riqaalee rarra’aa deemsa namaa, beeyladaa fi motorsaayikilii tiif oolu kanneen IMX fi kontiraakteroota leenjii fudhataniin godinaalee Gujii (3), Arsii Lixaa (2), Arsii (1), Baalee (3), Baalee Bahaa (1), Shawa Bahaa (1), Harargee Lixaa (3), Harargee Bahaa (2), Shawaa Kibba lixaa (1), Jimmaa (5), Buunnoo Beddellee (2) fi Iluu Abbaa Boor (3) keessatti gaggeeffamaa jiru yeroo amma cimee itti fufee jira. Riqaalee kanneen Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaatu, Dhaabbata Helvetas Itoophiyaa waliin ta'uun ijaarsiisaa jira. Riqaalee deemsa miila namaa, beeladootaa fi motorsaayikilii ji'a tokko keessatti xumuramee tajaajila uummataaf banaa ta'an keessaa riqaan laga Ciniinaa tokko ta'uu gaggeessaan piroojaktii riqaalee deemsa namootaa fi beeyladootaa damee Oromiyaa Injinar Hundee Taammanaa ibsan. Kaanis akkaataa karoorfameen yoo rawwanne carraa biroos fiduuf bu'aa waan qabuuf hojii caalmaaf qindoominaa fi kutannoon hojjachuun murteessaa ta'uus ibsanii jiru.
Hojii gaggeessaan pirojaktichaa Injinar Margaa Gaaromaa meeshaalee ijaarsaaf oolu hundi qophaa'ee waan jiruuf yeroo gababaatti xumuuruuf hojjachaa kan jiran ta'uu ibsanii jiru. Hawaasnis dheebuu misoomaa bara baratti hawwaa ture jechuun carraa argameetti kan gammadan ta'u ibsu.
Naannoo magaalaa Adaamaatti baasii birrii miliyoona 6 (jaha) oliin kan hojjatamaa jiru raawwii riqaa laga Ciniinaa, abbaa meetiraa (span) 114 gosa D-type ta'e Dhabata KTFT construction plc dhaan ijaaramaa jiruu fi meeshaalee ijaarsaaf qopha'ee suuraadhaan: