Mari'atan Walii Galan, Walii Galan Alaa Galan, Alaa Galan Maqaa Tolan!!

  • 16 Aug 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Gamaaggamni raawwii hojii supha daandii waliigalaa bara 2016fi mariin karoora hojii supha daandiiwwan bara 2017 irratti xiyyeeffate gaggeefamaa jira

Fayyadamummaa ummataa karaa guutuu ta'een mirkaneessuuf gamaggamni hojii kun bakka hooggansi ,ogeeyyii ,gorsan daandii fi qaamoleen dhimmi ilaalatuu argamanitti xiyyeeffannoon gaggeefama jira.

Gaaffii fi komii uummata deebisuun dirqama Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa waan ta’eef dameewwan suphaa hunduu fedhii fi rakkoo jiru tilmaama keessa galchuun carraawwan akka naannootti jiran hunda fayyadamuun bara 2017 hojii caalmaaf onnateee hojjachuu akka qaban I/A/ Biiroofi Gaggeessaan Damee Bulchiinsaa Daandii Injinar Mohaamad Nuuraa hubaachisanii jiru .Rakkolee suphaa daandiin walqabatee jiru bu'ura irraa fuuruuf BDLO hojii bala'a abdachiisa ta'e hojjatama akka jiruus ibsame jira.

Kanaafuu karoora qabatamaan hojirra ooluu qopheessuun gama suphaa daandiiwwaniin itti quufiinsa ummataa dabaluuf bara 2017tti xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamuu akka qabuus waltajjii kanaan ibsameera.