Riqaalee ijaaruun lubbuu baraaruudha!

  • 16 Jul 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Jiilli Sadarkaa Itti Aantuu Pirezdaantii fi Hooggantuu Biiroo Galiiwwan Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaatiin Durfamu Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadaritti Pirojektii riqaa Laga Malkaa Kuraa abbaa meetiraa (span) 16 birrii miliyoona 22n hojjatame kan uummata kuma 30 olii tajaajiluu fi

Aanaa Malkaa Bal'ootti riqaa Laga Cirraachaa abbaa meetiraa (span) 20 birrii 44,067,233.41 hojjatame baay'ina uummata 61,695 olii tajaajiluu eebbisiisanii jiru.

Godina Harargee Lixaattis riqaan laga Burqaa abbaan meetira 30 godinalee lamaafi aanaalee sadii kan waliiqunamsiisuu eebbifamee jira. Hawaasni fi caasaan bulchiinsa naannoo kunuunsee akka itti fayyadamuu Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa ni dhaama!