Hirkatummaarraa_Gara_Oomishtummaatti
Dhala namaa kan qaroominaa fi jireenya sinsinnii irraan gahe hojiidha. Hojjatan malee dagaaguun yaa hafuutii, nyaatanii buluun hin danda'amu. Aadaanis ta'ee amantaan hundi kana deeggara. Dafqa ofiitiin jiraachuu, hojjatanii jijjiiramuu deeggaru. Biyyoonni addunyaa diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan adda duree ta'an kan sadarkaa kanarra gahan dhibaayummaa malee halkaniifi guyyaa hojjachuudhaani. Biyya keenya Itoophiyaatti garuu aadaan ganamaa sun laafaa dhufeera. Qeerroofi Qarreen qabatamaan hojjachuudhaan jijjiirama hawaas-diinagdee fidan kumaa fi kitilaan akkuma jiran, kanneen dafqaan buluun ba'aa dhukkubaa itti fakkaatu mul'ataa jiru. Keessumaayyuu dargaggoonni abdii biyyaa ta'an aadaa hojjatanii ofjijjiiruufi biyya ijaaruu dagaagfachuu qabu. Mootummaan hojjatanii jijjiirama fiduun akka danda'amu gama hundaan agarsiisaa jira. Keessumaayyuu, gama qonnaa fi gama turizimiitiin wantonni yeroo dhiyootti raawwatamaa jiran fakkeenya. Kanumaan walqabatee, hojii fi gahee hawaasaa, akkasumas, kabaja hojii irratti xiyyeeffachuudhaan waltajjiin hubannoo fi marii Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa hojjattoota isaa waliin gaggeeffameera. Waltajjicha irratti yaadni guddinaa fi jijjiirama hanga ammaa argamee fi gahee qaama hundaa dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera