Sagantaa Waldorgommii Ispoortii Hojjattoota Mootummaa Marsaa 2ffaa
Hojjattootni Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa sagantaa Waldorgommii Ispoortii Hojjattoota mootummaa marsaa 2ffaa, guyyaa har'aa Magaalaa Bishooftuu, istaadiyamii magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame irratti tapha adda addaatiin hirmatanii jiru.
Hojjattootni dhiiraa kubbaa saaphaanaa irratti hojjattoota Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa waliin morkii kan taasisan yoo ta'u, morkii yeroo dheeraan booda ol'aantummaa hojjattoota Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaatiin xumurameera.
Hojjattootni hirmaatanis miira xiiqiin hojii ispoortii kan itti fufan ta'uu ibsanii jiru. Marsaa itti aanuuf qophaa'ina qaban ibsan.
Ispoortiin - Fayyaaf, Jaalalaaf, Waloomaa fi Nageenyaaf!