Yeroon Kun Qaaliidha!
Fayyadamtummaa lammiilee keenya mirkaneessuuf yeroon Kun hojii ijaarsaa fi suphaa pirojektootaaf qaaliidha sirnaan haa fayyadamnu! Tattaaffii cimaa haa taasisnuu!
- Maatiin BDLO (Hooggansi fi hojjattootni Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa, Waajjirri Daandiifi Loojistiksii godinaalee, aanaalee fi Dameewwan suphaa Daandiiwwani) hundi
Qindoomina fi kuttannoon hojiiwwan ijaarsa fi suphaa pirojektoota haa deeggaruu,haa hordofnu, haa to'annu!
- Caasaan bulchiinsaa fi kutaaleen hawaasa Marti daangaa pirojektoota kabajuun, yeroon qabeenya irraa kaasuun, qabeenya umamaa (biyyoo filatamaa, cirrachaa) naannoo hojii pirojektootaaf olaan eeyyamuun, meeshaleefi maashinaroota hojii pirojektoota eegachuun, hojjatoota hojiif garaa qa'ee keessan dhufan simachuun. Jajjabeessuufi si'eessuun akka hojii ijaarsaa fi suphaa pirojektoota tumsitan biiroon ni dhaama!
- Gorstootni, kontirakitarootni fi waldaleen IMX hojii Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa hojii ijaarsa fi suphaa pirojektoota daandii,
riqaalee , bu’uraalee geejibaa fi loojistiksii ofharkaa qabdan hundi dantaa uummata kabachisuuf humna guutuun hojiitti galuun WAADAA seentan gochaan agarsiisaa!
Daandii Mijaa'aa fi Bu'uuraalee Geejjibaa Qindaawaa Lammiilee Keenya Hundaaf!