Jabaa ofii abbaatu jabeeffata!
Waldaleen IMX fi kontiraaktarootni ijaarsa riqaalee rarra’aa deemsa namaa, beeyladootaa fi motorsaayikilii tiif oolu hojjachaa jiran yeroo gabaabaa keessatti fayyadamtummaa uummata keenya mirkaneessuuf miira xiiqiin ariitiidhaan hojjachaa jiru.
Tumsi uummataas ajaa'iba!
Hojiin deeggarsaa fi hordooffii Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa fi Dhaabbata "Helvetas Itoophiyaa"tiin taasifamaa jirus fakkeenya kan ta'uudha.Waloomnee hojjannaan "Rivaan kutuu malee Abdii kutuun hin jiru!"Hara'aaf G/Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti kan xumurame riqaa rarra'aa Laga Waabee fi gara xumuraa irraa kan jiru Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Aallee riqaa Laga Qabarii, Arsii riqaa Laga Kofalchiisaa, Gujii riqaa Laga Hawetaa, Baalee aanaa Harannaa Buluq riqaa