Guddina Haawas-Dinagdee fi Siyaasa Biyyaa Keenyaaf 'Haaromsa Aadaa'
Humni ittiin jireenyi lammiilee jijjiiramu, guddini nama dhuunfa fi biyyaa ittiin mirkana'uu sammuu dhala nama keessaa jira.
Guddina Haawas-dinagdee fi Siyaasa biyyaa keenya dhugoomsuuf ''Haaromsa Aadaa Oromoo" irratti hojiin hubannoo uumuu gaggeeffamaa jira.
Barreeffamni "Haaromsa Aadaa Oromoo" irratti xiyyeeffate dhiyaate hojjettoota BDLO waliin mariin taasifamera.
Xiyyeeffannoo Haaromsa Aadaa Oromoo beekumsa horaachuu, wal ga'oomsuudhaan diinagdee ceesisuu, Aartii ammaayyeessu, humneessuu fi Aadaa Oromoo Caaseffaman sirneessuun karaa beekumsaa fi ogummaa giddugalaffateen hojjechuuf ta’uun ibsameera.
Waltajjiicha irratti barreeffama kan dhiyeessan I/A Hoggana fi Gaggeessaan Damee Bulchiinsa Daandii Injinar Mohaammad Nuuraa haaromsi aadaa jijjiirama siyaas-diinagdeef sirna cimaa ijaaruu, naamusaa cimaa uumuu,
aadaa keenya dura qabnu jajjabeeffachuu,kufaatii keenya irraa barachuu, barmaatilee badaa ta'an of keessaa baasuun haaromsa aadaa tajaajila ammayyeessun qindoominaan karaa si'ataa ta'een kennuun nurraa eegama jedhaniiru.
Oromoon aadaa guddaa kan itti boonu qaba Safuu, seera, duudhaa
, barsiifata jiruufi jireenya hawaasaa fi kabaja Oromoon saboota kaaniif qabu daran cimsuun ,miira ni hojjanna, ni dandeenyaa jedhuu gonfachuun jijjirama akka biyyaatti dhufeefi akka mana hojii keenyaatti dhufe itti fufsiisuu qabna jedhan.
Hojjettoonni hundi aadaa Oromoofi labsii haaromsa aadaa Oromoo irratti hubannoo gahaa argatanii milkaa'ina karoorichaaf tumsa isaan irraa eegamu taasisuu akka qabanis himamee jira.
Haaroomsa Aadaa Oromoo Jiijjiirama Hunda galeessaaf!