Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa dhaabbilee ijaarsaa fi gorsitootaa waliin raawwii hojii hanga ji'a kanaa irratti marii taasise
Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa dhaabbilee ijaarsaa fi gorsitootaa waliin raawwii hojii hanga ji'a kanaa irratti mari'achuudhaan kallattii hojii yeroo itti aanuu kaa'ee jira. Yeroo hafe kanatti miira xiiqii fi waloomaan hojjachuudhaan karoora bara 2016 milkeessuuf, qooda fudhaattootni martuu tumsa barbaachisu akka tasiisan I/A/Biiroofi Gaggeessaan Damee Misooma Daandii Injinar Mohaammad Nuuraa waamicha dhiyeessanii jiru!
Hooggantuun Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa Injinar Heelaan Taammiruu immoo, karoora bara 2016 xumuruuf qabanne xumuruun dirqama ta'uu hubachuudhaan dhaabbileen ijaarsaa hunduu humna guutuun hojiitti galuu akka qaban beeksisan. Mareefi marabbaan rakkoo fi hanqina raawwii keessatti mul'atuuf wal-deeggaruudhaan abbaa furmaataa ta'uudhaan pirojaktoota eegalaman xumuruuf waligalameera.
Daandiin bu'ura bu'uraalee misoomati. Waadaa seenne gochaan!