Contact Us  0118388196/0118350886/0118342722  info@orlb.gov.et       

  • Slide Background Image
    Riiqichaa Laga Awash
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Daandii Silala Hiddi Lolaa
  • Slide Background Image
    Godina Arsii Riqaa Deemsa Miilaa Namootaa fi Beeyladootaa Kofalchisaa
  • Slide Background Image
    Godina Arsii Riqaa Deemsa Miilaa Namootaa fi Beeyladootaa Kofalchisaa
  • Slide Background Image
    Daandii Addeellee - Sakkinaa "Contract II" fi Riqaa Laga Elellee
  • Slide Background Image
    Pirojeektii Buufata Konkolaataa Qindaawaa Magaalaa Walisoo
  • Slide Background Image
    Riqa Unkee Godina Arsii Aanaa Shanaan Koluu
  • Slide Background Image
    Riqaa Laga Jamaa (Meetira 277) Sh/Kaabaa
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Piroojaktiin daandii Corsoo-Diimtuu-Hambalaa-Shaakkisoa "Cont. III"
    Text Caption
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Riqaa Rarra'aa laga Ciniinaa , Riqaa Laga Mormora fi Riqaa Rarra’aa laga Malkaa Harree
  • Slide Background Image
    Dhalootaaf har'as, borus ni dhaabna! Ni hojjanna!
    Text Caption
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Riqaalee Rrarra'aa Ijaaraman keessaa Godina Sh/ Bahaa Aanaaa Abuuseeraa keessati argamu
    Text Caption

You are here

                                     Injinar  Heelan Taammiruu Gammadaa

Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bajata mootummaa, hirmaannaa ummataa,galii keessoo fi deeggarsa qaamolee addaa addaatiin hojjiiwwaan ijaarsaa fi suphaa bu'uura bu'uraalee misoomaa ta'an daandiiwwan, riqaalee, buufataalee qindaawaa konkolaataa akka naannootti darbees akka biyyaatti fakkeenya ta’an pirojaktoota gurguddoo ijaarsisee tajaajila hawaasaatiif banaa taasiisee jira.

Ammas hojjiiwwaan bu'uura bu'uraalee misoomaa kanneen baay’inaan , yeroon fi qulqullinaan dabaluuf ,akkasumas pirojaktootni xumuraaman itti fufiinsaan tajaajila gahaa akka kennaniif caasaa isaa naannoo hanga aanaaleetti jiran ( Wajjiraa Daandiiwwanii fi Loojistiksii Godinaalee , Aanaalee, Dameewwan suphaa ), qooda fudhatoota, caasaa bulchiinsaa sadarkaan jiraniifi uummata mara waliin qindoominaan hojjachaa jira.

Keessumaayyuu, hojiiwwan Fandii Daandii Naannoo Oromiyaatiin galii walitti qabuu, galii qooduu fi  hojiiwwan ijaarsa riqaalee deemsa miila namootaa fi beeyladootaa (TRAIL bridges)  hojjatamuuf qabamee hojiin idileessuu akka milka’uuf kaka’uumsa uumuu, iftoominnii , itti gaafatamummaa fi amaanaan  akka jiraatuuf qindoomina fi kutannoon hojjachaa jira. Gama biroon daandiiwwan gar-malee manca’aan karoora yeroo gabaabaa fi karoora yeroo dheeraa keessa galchuun hojiin sadarkaa isaa ol guddisuus ni hojjatama.

Hojiin ijaarsa fi suphaa pirojaktoota bu'uura bu'uraalee misooma amalumma isaaniitiin hojii hirmaannaa ummataa hundaa, baajata guddaa,yeroofi teeknoolojii ammayyaa gaafataniidha. Dabalataanis bu’uura misoomaa gama mootummaatiin qofa hojjatamuufi qabeenya waloo hawaasni marti garaagarummaa tokko malee itti fayyadamuudha. Kanaaf Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bara 2016 pirojaktoota daandii, riqaalee, bu'uuraalee geejibaa fi loojistiksii 209 ol xumuruun tajaajila uummataaf  banaa tasiisuu, kanneen hafan immoo  sadarkaa garaa garaarran gahu fi suphaa daandii baay’inaan gaggeessuuf   bajata bara 2016  hojii waliigalaatiif qabame  birri biliyoona torbaa fi miliyoona dhibba lamaa fi miliyoona afurtamii shanii oli (7,245,924,835.47) fi hirmaannaa ummata keenyaatiin karoora hojii ijaarsa fi suphaaf qabannee galmaan gahuuf   kuttannoon hojii caalmaaf onnattee hojjachaa jira.

Qabeenyi daandiiwwan  naannoo Oromiyaa hanga xumura  kurmanaa 2ffaa  bara 2016tti sagantaalee ijaarsa daandii pirojektii kaapitaalaatiin, Sagantaa Waliingahiinsa Daandii Baadiyyaa (SWGDB) tiin, Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP)n , babal’ina ulaa misoomaa adda ddaatiin ,hojii misooma garagaraatiif sagantaa gara garaan hojjatamaanin daandiin dacha baay’een dabalee kiiloo meetira kuma jaatamaa fi dhibba torbaa fi torbaatamii lama ( 60,772,64 )  olitti olguddatee jira.  Babal’inni daandiiwwanii yeroo gara yerootti baay’inaan akkuma dabalaa deemu, daandiin suphaa barbaadus gituma kanaan dabalaa jira

Ta’uus garuu; qabeenya daandii Mootummaa Naannoo Oromiyaa  km  60,772,64     keessaa kan baajata Fandii Bulchiinsa Daandii Federaalaan suphaa fi kunuunsa iddilee ( Regular Maintenance ) dameewwan suphaa BDLO jiraniin suphamaa jiru km 7,018.26 qofa dha. Kun immoo daandiiwwan itti fufiinsaan tajaajila akka kennu taasisuuf  hojimaata  hirmaachiisaa ta'e diriirsuun qindoomina fi kutannoon hojjachuun murteessaa ta’uu agaarsiisa.

Bu’uurummaa kanaan bara 2016 hojiin suphaa daandilee Sagantaa Waliingahiinsa Daandii Baadiyyaa (SWGDB) bara 2003 irraa egaalee hanga bara 2009 hojjatamee yeroo ammaa sababa kunuunsa fi suphaa dhabuun tajaajilaa bonaa gannaa akka hin kenninee ta’uun madda komii ta’aan keessaa galii Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaan suphaa salphaa fi cimaadhaan daandiiwwan km 7028 akka suphamu tasiisuuf hojjatama jira. Hojii kanaafis bara kanaa tilmaamani birriin 412,006,895 walitti qabamuuf karoorfame hojiin galii sassaabuu gaggeeffamaa jira, Milkaa’ina isaaf miseensoonni Bordii Fandii Daandii Naannoo Oromiyaa fi kutaaleen hawaasaa hundi gahee isaanii bahachuun dirqama ta’a. FDNOn  galiin hanga Muddee bara 2016ti walitti qabamee birri mililyoona dhibba fi jahaatama olii aanaaleef gaddii bu’ee hojiin suphaa akka ittiin gaggeeffamuuf  miseensoonni Bordii Fandii Daandii Naannoo Oromiyaa akkataa Labsii FDNO “Labsii 224/2012, Dambii 223/2013 fi Qajeelfama 01/2014”tiin Baheen murtee dabarsan hojiin suphaa daandiiwwan Sagantaa Waliin Gahiinsa Daandii Baadiyaa eegalamee jira.

Gaaffii fi fedhii ummataa gama suphaa daandiin jiru bu’uura irraa furuuf  Labsii “Fandii Daandiiwwan Naannoo Oromiyaa hojiirra oluuchuuf qindoominaa hooggansaa fi hojjatoota naannoo hanga gandatti jiran mara ,hirmaannaan ummataa biyya keessaa fi biyya alaa ,deeggartoota misoomaa fi dhaabbilee misooma,abbootii qabeenyaa maddisiisuun waan  barbaachisuuf  guutu Oromiyaa sadarkaa hundati cimee itti fuufu qaba.                           

Industrii  geejiba Oromiyaa keessatti  babal’suu fi   ammayyaa’yeessuuf Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa misooma bu’uuraalee geejjibaa fi loojistiksii kanneen akka Buufata Qindaawaa Konkolaataa (Integrated Bus Terminals), Dirree Xiyyaaraa Xixiqaa ( Mini Air port) irratti hojjataa  jira.

Walumaa galatti ijaarsa piroojektoota buufata konkolaataa qindaawaa buleeyyii bara 2016ti kan ce’aan giddugaleessaan sadarkaa gara garaarran gahuuf hojjatama kan jiru yoo ta’u buufata konkolaataa Qindaawaa #4 (Jimmaa,Naqamtee,Walisoo fi BuleeHoraa) bara 2016 xumuruuf karoorfamee sirna hordoffii, deeggarsaa fi duub deebii wal-irraa hin cinnee fi cimaa diriirsudhaan galma qabame milkeessuuf hojjatama waan jiruuf uummanni keenya tumsa barbaachisuu tasiisaa obsaan akka nu egatuu kabajaan gaafanna.

Kontiraktaroonni fi gorsitootni BDLO waliin hojjataa jiran piroojaktoota isaan harkaa jiran yeroon xumuruun wadaa seenan kabaajuudhaan pirojaktoota fudhatan karaa guutuu ta’een galmaan gahuun gahee isaanii bahachuu qabu.

Ummanni keenyaas hojii ijaarsafi suphaa daandii fi bu’uraalee geejibaa fi loojistiksii  irratti humnaanis, yaadaniis ,mallaqaniis hirmaannaa kana dura agarsiisaa ture itti fufuu qaba.

Qabeenya daandii fi bu’uraalee geejibaa fi loojistiksii  qulqullina qabu naannoo keenya keessatti dabaluuf abbootiin qabeenyaa, dhabiileen misooma adda adda hojii misoomaa fi suphaa/kunuunsa daandii ilaalcha daandii mootummatu suphaa jedhu cabsuun hirmaachuu qabu. Hojjatootni caasaa BDLOfi dameewwan suphaa  BDLO hanga aanaatti jiran humna guutuun aantummaa ummataa qabattanii “Qindoomina ,saffisanii fi qulqullinaan” hojjachuun duudhaa mana hojii tasiifachuun  dirqamaa fi gahee  isaan bahachuu qabu.

Caasaan bulchiinsaa gandaa hanga naannoo, uummatni martii gochoota harkiffannaa ijaarsa daandii fi bu’uuraalee geejibaa fi loojistiksii  sababoota ta’an kanneen akka daangaa pirojaktoota kabajuufi kabachisuun,yeroon qabeenya irraa kaassuu,dhaabbilee fi hojjattoota  ijaarsa fi suphaa  jajjabeessuu fi deggaruun akkasumas meeshaalee ijaarsa fi suphaa daandii eeggachuun ,qabeenya umamaa naannoo hojii ijaarsa fi suphaa daandii ,riqaalee fi bu’uraalee geejibaaf olaan eyyamuun gahee keessan bayaachuudhaan hojii ijaarsa fi suphaa daandii fi bu’uraalee geejibaa fi loojistiksii  akka tumsitan  wamichan dhiyyeessa!

                                                 Ulfaadhaa!

Undefined

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0118388196/0118350886/0118342722
  • E-Mail:info@orlb.gov.et
  • Website:-www.orlb.gov.et
  • Postaa:-42937

Miidiyaa Hawaasaa

                  Copyright @2024 by Oromia Roads and Logistics Bureau| www.orlb.gov.et