Contact Us  0118388196/0118350886/0118342722  info@orlb.gov.et       

  • Slide Background Image
    Riiqichaa Laga Awash
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Daandii Silala Hiddi Lolaa
  • Slide Background Image
    Godina Arsii Riqaa Deemsa Miilaa Namootaa fi Beeyladootaa Kofalchisaa
  • Slide Background Image
    Godina Arsii Riqaa Deemsa Miilaa Namootaa fi Beeyladootaa Kofalchisaa
  • Slide Background Image
    Daandii Addeellee - Sakkinaa "Contract II" fi Riqaa Laga Elellee
  • Slide Background Image
    Pirojeektii Buufata Konkolaataa Qindaawaa Magaalaa Walisoo
  • Slide Background Image
    Riqa Unkee Godina Arsii Aanaa Shanaan Koluu
  • Slide Background Image
    Riqaa Laga Jamaa (Meetira 277) Sh/Kaabaa
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Piroojaktiin daandii Corsoo-Diimtuu-Hambalaa-Shaakkisoa "Cont. III"
    Text Caption
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Riqaa Rarra'aa laga Ciniinaa , Riqaa Laga Mormora fi Riqaa Rarra’aa laga Malkaa Harree
  • Slide Background Image
    Dhalootaaf har'as, borus ni dhaabna! Ni hojjanna!
    Text Caption
    Text Caption
  • Slide Background Image
    Riqaalee Rrarra'aa Ijaaraman keessaa Godina Sh/ Bahaa Aanaaa Abuuseeraa keessati argamu
    Text Caption

You are here

Overview

Project Details

Pirojektii Buufata Konkolaataa Qindaawaa Magaalaa Asallaa

Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa Buufata Konkolaataa Qindaawaa Asallaa (AIBT) Godina Arsii magaalaa Asallaatti argamu qarshii 630,116,974(qar. Miliyoona dhibba jahaa fi miliyoona soddomaa fi kuma dhibba tokkoo fi kuma kudha jahaa fi dhibba sagalii fi ttorbaatamii afur)’n ijaarsisuuf Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa(OCC) waliin bara 2014(7/7/2014) walii galtee  raawwachuun hojiitti galamuun isaa ni beekama. Pirojektiin kun gama tokkoon gamoo abbaa darbii sadii fi gama biroon immoo abbaa darbii lamaa kan ta’ee fi bakka suphaa konkolaataa, mana waardiyyaa ykn eegumsaa fi bakka turtii konkolaattotaa ykn ‘road and parking’ kan ofkeessatti haammatu ta’ee lafa bal’inni isaa hektaara afur ta’e irratti hojjetamaa kan jirudha.

Pirojektiin kun guyyaa 750 keessatti ni xumurama jedhamee walii galteetti kan seename yoo ta’u sababa sirreeffama dizzaayinii ‘design revision’ godhameef yeroo jedhamee keessatti hojicha jalqabuu hin dandeenye. Sababa kanaaf yeroon dabalataa guyyaa 179 yoo kennamuuf walii gala guyyaa 929 tti ni xumurama jedhamee hojjetamaa jira. Ijaarsi kun yoo xumurame rakkoo bu’uuraa imaltoota irra gahu kan akka nageenya imaltootaa, bakka turtii imaltootaa mijaawaa, sirna tajaajila geejjibaa ammayyaawaa, sirna bobbii konkolaattotaa mijaawaa taasisuu danda’a. akkasumas, tajaajila si’ataa kan kennuu fi galii keessoo daran kan dabalu ta’a.

Gorsaan pirojektii kanaas Korporeeshiniin Injiineringii Oromiyaa(ECO) hojii tajaajila gorsaa kennaa kan jiruu fi itti dhiyeenyaan deeggersaa fi hordoffii kennaa kan jiran yeroo ta’u yeroo ammaa kanas ijaarsichi akkaataa walii galteen deemaa jiraachuun cinaatti hojichi qulqullinaan hojjetamaa jiraachuu isaa gabaafameera. Dabalataanis deeggersii fi hordoffiin cimaa akka taasifamuu fi pirojektichis yeroo jedhame, qulqullina kaa’amee fi maallaqa qabameen akka raawwatuuf ogeessi sadarkaa biiroo irraa abbummaan akka deeggeru itti gaafatamummaan kennameefii deeggersii fi hordoffiin cimaa taasifamaa jira.  

NU QUNNAMAA

  • Bilbilaa:-0118388196/0118350886/0118342722
  • E-Mail:info@orlb.gov.et
  • Website:-www.orlb.gov.et
  • Postaa:-42937

Miidiyaa Hawaasaa

                  Copyright @2024 by Oromia Roads and Logistics Bureau| www.orlb.gov.et