Wayitiin amma keessa jirru kun yeroo ijaarsa fi suphaa daandii, riqaalee, bu'ura misooma geejibaa fi loojistiksiitiif mijataa ta’ee dha

  • 23 Nov 2022
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Ashamaa!

Wayitiin amma keessa jirru kun yeroo ijaarsa fi suphaa daandii, riqaalee, bu'ura misooma geejibaa fi loojistiksiitiif mijataa ta’ee dha. Kanaafuu warreen hojii ijaarsa daandii riqaalee fi suphaa daandii irra jirtan bakka jirtanitti Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa ashamaa isiniin jedha!

Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa hojiiwwan Misooma Daandii, riqaalee, buuraalee geejibaa fi loojistikii baay'inaa fi qulqullinaan dabaluuf, akkasumaas, daandiiwwan itti fufiinsaan tajaajila gahaa akka kennaniif ergamoota gurguddaa qabatee galma gahiinsa isaatiif caasaa isaa naannoo hanga aanaaleetti jiran mara waliin qindoominaan hojjachaa jira. Bu'uurummaa kanaan caasaaleen keenya pirojaktoota xumuraman eebbisiisee tajaajila uummataaf banaa tasiisaa jira. Kanneen hafanis hojii isaanii cimsee itti fufee jira.

Kanaaf riqaan Laga Waddeessaa yeroo gabaabaa keessatti godina Arsii Lixaa aanaa Wandootti hojjatamee fi riqaan Dhaaree 2 godina Baalee Bahaa aanaa Sawweenatti hojjataman Dilbata darbe gaafa guyyaa 27/02/2015 eebbiifamanii tajaajila uummataatiif banaa ta'an fakeenyaadha. Hawaasni aanaa Wandoo , Sawweenaa fi fayyadamtootni riqaalee kanneen baga Gammaddan! Warreen hojjattanii gahee keessan bahattanis galatoomaa! Warreen hojjirra jirtanis waadaa uummataa fudhattan yeroo, qulqullina fi baay'inaan galmaan gahuuf jajjabaadhaa. Yeroo hojiif mijataa ta'e kanaati qooda fudhatoota, caasaa buulchiinsaa sadarkaan jiraniifi uummata mara waliin qindoominaan naamusa ogummaa kabajnee kutannoon kenna tajaajila barbaachisu uummanni akka argatuuf hojjachuun murteessadha.

Bu'ura bu'uraalee misoomaa kan ta'an DAANDII, RIQAALEE, BU'UURAALEE GEEJIBAA fi LOOJISTIKSII waldeeggarsaa fi qindoomina cimaan haa ijaarru, haa suphinuu!