Pirojektii Buufata Konkolaataa Qindaawaa Magaalaa Asallaa
Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa Buufata Konkolaataa Qindaawaa Asallaa (AIBT) Godina Arsii magaalaa Asallaatti argamu qarshii 630,116,974(qar. Miliyoona dhibba jahaa fi miliyoona soddomaa fi kuma dhibba tokkoo fi kuma kudha jahaa fi dhibba sagalii fi ttorbaatamii afur)’n ijaarsisuuf Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa(OCC) waliin bara 2014(7/7/2014) walii galtee raawwachuun hojiitti galamuun isaa ni beekama. Pirojektiin kun gama tokkoon gamoo abbaa darbii sadii fi gama biroon immoo abbaa darbii lamaa kan ta’ee fi bakka suphaa konkolaataa, mana waardiyyaa ykn eegumsaa fi bakka turtii konkolaattotaa ykn ‘road and parking’ kan ofkeessatti haammatu ta’ee lafa bal’inni isaa hektaara afur ta’e irratti hojjetamaa kan jirudha.
Pirojektiin kun guyyaa 750 keessatti ni xumurama jedhamee walii galteetti kan seename yoo ta’u sababa sirreeffama dizzaayinii ‘design revision’ godhameef yeroo jedhamee keessatti hojicha jalqabuu hin dandeenye. Sababa kanaaf yeroon dabalataa guyyaa 179 yoo kennamuuf walii gala guyyaa 929 tti ni xumurama jedhamee hojjetamaa jira. Ijaarsi kun yoo xumurame rakkoo bu’uuraa imaltoota irra gahu kan akka nageenya imaltootaa, bakka turtii imaltootaa mijaawaa, sirna tajaajila geejjibaa ammayyaawaa, sirna bobbii konkolaattotaa mijaawaa taasisuu danda’a. akkasumas, tajaajila si’ataa kan kennuu fi galii keessoo daran kan dabalu ta’a.
Gorsaan pirojektii kanaas Korporeeshiniin Injiineringii Oromiyaa(ECO) hojii tajaajila gorsaa kennaa kan jiruu fi itti dhiyeenyaan deeggersaa fi hordoffii kennaa kan jiran yeroo ta’u yeroo ammaa kanas ijaarsichi akkaataa walii galteen deemaa jiraachuun cinaatti hojichi qulqullinaan hojjetamaa jiraachuu isaa gabaafameera. Dabalataanis deeggersii fi hordoffiin cimaa akka taasifamuu fi pirojektichis yeroo jedhame, qulqullina kaa’amee fi maallaqa qabameen akka raawwatuuf ogeessi sadarkaa biiroo irraa abbummaan akka deeggeru itti gaafatamummaan kennameefii deeggersii fi hordoffiin cimaa taasifamaa jira.
Copyright @2024 by Oromia Roads and Logistics Bureau| www.orlb.gov.et