Pirojeektii Daandii Addeellee - Sakkinnaa

  • 14 Feb 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Fuul-durri keenya ifa, kan nuuf hojjatameef galatoomaa, kan hafe immo nuuf cimsaa" -  yaada hawaasa Godina Arsii aanaa Aminyaa, Sakkiinaati.

Eeyyeen! Uummata kan hojjatameef  galateeffachaa kan hafe gaafatu qabaachuun carraa guddaadha. Hojiif  hojjata si’oomsaa, jajjabeessaa, hamilee namaaf ta’a. Pirojaktii daandii  Addeellee - Sakkinnaa "contract I" fi "contract  II" daandicha irratti riqaa argamu riqaa laga Elellee abba meetiraa (span) 180  xumuruun tajaajila hawaasaaf banaa taasiisuun danda’mee jira.

Sakkiinaan iddoo aadaa fi araddaa jilaa kan taate seenaa jireenya Shee Huseenin kan wal qabattuudha. Ta’us garuu uummannii  naannoo sanaa sababa bu’ura bu’uuraalee misoomaa - daandii dhabuu fi teessuma lafaatiin bu’uuraalee misoomaa biroo kanneen akka Telecommunication, intarneetii, hospitaala, mana barnoota sadarkaa 2ffaa, waan hin qabneef baay'ee rakkachaa ture. Amma daandiin nuuf bahe fuuldurii keenya ifa bu’uuraleen misooma biroos  nuuf dhufa jedhanii abdiin eeggachaa jiru. Akka isaaniif milka’ee rakkoon isaanii seenaa ta’ee hafus abdii guddaa qabna.

 Iddoo daandiin kun itti dhaabbate Sakkiinaa gaditti gandoonni gammoojii kan daandii osoo bira hin geenye hafan waan jiraniif dabalataanis  karaa gabaaba ta’een Harargee Bahaa fi Arsii kan walqunnamsiisu waan  ta’eef  hawaasni naannoo sanaa kan  ijaarameefiif galaateffachaa kan hafe akka hojjatamuuf fedhii fi gaaffii isaanii dhasmmata jiru. Teessuma  lafaa garra baachabar hojii daandii rakkisaa ta;e kana injifachuun daandii  fi riqaa guddaa kanaa ijaaruun hawaasaa dheebuu bu’uraalee  misoomaa qabu kanaaf mijeessuun mirgaan galuudha. Kanaafuu Dhaabbata ijaarsa piroojaktii kanneen gaggeessee (Cross Land Construction), gorsaa hojii kanneen (Oromia Engineering Corporation ) ,hojjatoota fi hoggansa kallattii adda addaan hojii kana hordofaa, deeggaraa, to’achuun sadarkaa xumuraa kanaan geessan galatooma seenaan bara baraatti isiin yaadata. Hundaa-ol immoo caasaan bulchiinsaa, hawaasni aanaa Aminyaa fi naannoo sanaa kan dhaabbilee ijaarsa,  hojjattoota fi hooggansa (keessummoota) hojiif gara qaa'ee isaani dhaqan simachuun, jajjabeessuun, si’eessuun fi deeggaruun gahee leencaa bahattaniif  Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa galata guddaa qaba. Muuxannoon isaani kun iddoo biroottis baratamuu qaba. Hawaasni aanaa Aminyaa fi naannoo pirojaktii Addeellee Sakkiinaa  kan xumurame kunuunsee itti fayyadamaa kan hafeef immoo hirmaannaa isaa baramee cimsee akka itti fufu ni dhaamna!