Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa Dhaabbata “HELVETAS Ethiopia” fi Inistiitiyuutii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaa, fi Intarpiraayizii “Industrial Products Development”- TechnoBizia waliin waliigaltee waldeeggarsa hojii mallatteesse

  • 27 Feb 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa Dhaabbata “HELVETAS Ethiopia” fi Inistiitiyuutii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaa, fi Intarpiraayizii “Industrial Products Development”- TechnoBizia waliin waliigaltee waldeeggarsa hojii mallatteesse. Akkaataa waliigaltee kanaan dhaabbileen kunneen meeshaawwan industirii ijaarsa riqaalee deemsa namoota fi horiif hojjataman (Trial Bridge)tiif oolan oomishuun dhiyeessuu cinaatti, deeggarsa hojii ni kennu.

Riqaawwan deemsa namootaa fi beeladootaa bakkeewwan daandiiwwan wayitii maraaf tajaajilan hin jirreefi bakkeewan fagoo hawaasti lageen cehuuf itti rakkatutti kan ijaaramaniidha. Bakkeewwan lageen guguddoo namootni fi beeladootni cehuuf itti rakkataa turanitti kan ijaaraman riqaawwan kun, rakkoo hawaasummaa fi diinagdee hawaasaa furuu keessatti gahee ol’aanaa akka qaban hin shakkisiissu. Haaluma kanaanis Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa dhaabbata HELVETAS waliin ta’uun naannawa baadiyyaatti riqaalee kanneen kan ijaaran yoo ta'u, walumaagalatti riqaalee 65 ijaaruuf waliigalameera.

Ijaarsa riqaawwan kanneeniinis ummanni baadiyyaa kuma dhibba jaha (600,000) ta’u akka irraa fayyadamu eegama.

Riqaawwan kunneen dhibbeentaa 60 hanga 70tti sibiila irraa kan hojjataman yoo ta’u, sibiilonni kunneen haala gosa riqaa kanaaf ooluun warshaatti omishamanii bakkichatti kan mijeeffamaniidha. Sibiilota kanneen omishuu fi salphatti argachuun qormaata kan ture yoo ta’u, kana booda rakkoo kana furuudhaan hojii riqaawwan kanneenii saffisaa fi qulqullina barbaadamuun hojjachuuf kan dandeessisuudha.

Waliigaltee dhaabbilee kanneen waliin kan mallatteessan Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaatti I/A/B fi Gaggeessaa Damee Misooma Daandii kan ta’an Injinar Kadir Huseeni. Humna guutuudhaan yeroo fi qusannaa waliin hojiitti galuufis waadaan galameera.