Daandii Addeellee - Sakkinaa "Contract II"

  • 08 Mar 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Hoggansa hojjatootni kallattii adda addaan hojii daandii Addeellee - Sakkinaa "contract  II" hordofaa, deeggaraa fi  to’achuun sadarkaa xumuraa kanaan geessan baga ofkaltan!

Pirojaktii daandii  Addeellee - Sakkinaa "contract  II" fi riqaan laga Elellee abba meetiraa (span) 180 daandicha irratti argamu xumuramee bakka koreen, hoogansii fi miidiyaaleen jiranitti walharkaa fudhiinsii duraa Guraandhala 26 bara 2016 taasifamee jira.

Pirojaktii daandii  Addeellee - Sakkinaa "contract  II" kan ijaarsiise Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaati. Gorsaan hojichaa immoo Korporeeshinii Injinariingii Oromiyaa yoo ta'u, dhaabbatni ijaare immo "Cross Land Construction" dha.

Pirojaktii kana yeroo fi gatii waliigalteetiin xumuruun guddaa akka isaan gamachise fi fuula duraafis hojii caalmaaf kan  isaan onnachise  ta'uuu hoogganaan kutaa opireeshinii Injinar Aluulaa Indiriyas, gaggeessan pirojaktichaa Injinar Salamoon Sintaayyoo, ogeessa gorsaa pirojaktichaa kan ta'an Injinar Samu’eel Nugusee fi to’ataan pirojaktichaa Injinar Jagamaa Dagabaasaa ibsanii jiru.

Piroojaktiin daandii Addeellee - Sakkinaa "contract  II" dheerinni isaa km 15.132 yoo ta’u, riqaan guddaan akka naannootti, darbees, akka biyyaatti  fakkeenya ta’u riqaan laga Elellee abba meetiraa (span ) 180 kan irratti argamuudha. Gatiin ijaarsa pirojaktii kun ittiin waliigalamee VATiin ala birrii 398,622,480.15  yoo ta’u, gatiin pirojaktichii ittiin xumurame immoo VATiin ala birri 372,300,352.61 dha. Gatiin meeshaalee ijaarsaa yeroo itti garmalee dabaluufi jijjiiramu kana keessatti piroojaktichi gatii waliigalteetiin gaditti fi yeroo waliigalteen taa'een dura xumuruu danda’uun injifannoo guddaa ta’uu isaatis to’ataan pirojaktichaa Injinar Jaagamaa Dagabaasaa ibsanii jiru.

Waliitti qabaan boordii Dhaabbata "Cross Land  Construction" Obbo Damiis Lammii teessuma  lafaa gaara Baachabar hojii daandii rakkisaa ta'e kana injifachuun, daandii fi riqaa guddaa kana gatii fi yeroo waliigalteetiin ijaaruun hawaasaaf mijeessuun akka isaan gammachise ibsuun, fuula durattis dhaabbatichi aantummaa uummataa gonfatee hojii caalmaaf of-qopheessee hojjachaa kan jiru ta’uu ibsanii jiru.

Gorsaan piroojaktichaa Injinar Samu’eel fi Gaggeessan pirojaktichaa Injinar Solomon caasaan bulchiinsaa, hawaasni Godina Arsii, aanaa Aminyaa fi naannoo pirojaktii sanaa, irree fi irkoo ta’eef isaan onnachisee keessumaa hojjattoota fi hooggansa (keessummoota) hojiif gara qaa.’ee isaan dhaqaan simachuun, si’oomisaa,jajjabeessaa,hamilee namaaf ta’uun gahee leenca bahatanii dinqisiifachuun galateeffatanii  jiru.

Piroojaktiin daandii Addeellee Sakiinaa kan eegalee magaalaa Addeellee irraa yoo ta’u iddoon itti dhaabbate Sakiinaa jedhama. Sakiinaan immoo iddoo aadaa fi araddaa   jilaa seenaa jireenya Shee Huseenin walqabatuu ta;uus odeeffannee darbees daawwannee jira.

Dabalataanis teessuma  lafaa gaara Baachabar hojii daandii marfataa qabu kanaan dabaalamee iddoo hawwataa, kan ilaalamee hin quufamne, iddoo tuurizimii guddaa ta'uun madda galii ta'uu danda’uudha. Kanaa qofa miti Sakkiinaa fi  gandoonni gammoojjii naannoo sanaa keessaa oomishini akka muuzii, shankoora, avokaadoo, burtukaana, jimaa, mishingaa, saliixa, boqqoolloo, bunaa fi kkf bal’iinaan jiru. Loon gaafaa, re’ee fi gaallis baay’inaan jiru.

Sakkiinaa gaditti gandoonni gurguddoon daandii bira hin geenye waan jiraniif, ijaarsi daandii "contract  III" yoo itti fufe, godinoota sadii (Arsii, H/Lixaa fi B/Baha ) kan walqunnamsiisu waan  ta’eef  mootumman gaara Baachabar hojii daandii rakkisaa ta'e kana injifachuun gaaffii baroota dheeraaf qaban deebisuuf daandii "contract I & II" kan ijaarsiise mootummaa ammaa ta’uu kaasuun, kan itti aanuus akka ijaaramuuf abdii guddaa mootummaa kana irraa akka qabani caasaan bulchiinsa, mangudoonni fi hawaasni naannoo pirojaktichaa ibsanii jiru.

Hawaasni aanaa Aminyaa fi naannoo pirojaktii Addeellee Sakkinaas Rabbi galateeffachaa  qamoolee hojii ijaarsa pirojaktii kanaa keessatti qooda fudhataan mara eebbisan jiru. Maatiin BiirooDaandiiwwaniifiLoojistiksiiOromiyaa, Dhaabbata ijaarsa kanaa gaggeessee Cross Land Construction, gorsaa hojichaa Korporeeshinii Injinariingii Oromiyaa, hojjatoota fi hoggansa kallattii adda addaan hojii kana hordofaa, deeggaraa, to’achuun sadarkaa xumuraa kanaan geessan eebbi manguddootaa kun isnin haa qaqqabu! Hojii gariin tulluu godhee si mullisa! Hojii gadheen gufuu ta’ee si kuffisa! Tulluu ta’aa mul’aadha!

Galatooma!