Waadaa gochaan dhugoome!
Bara 1985/86 qabeenyi daandii Naannoo Oromiyaa kiiloo meetira 8,507 qofa ture. Ammatti garuu imala waggaa 30 booda ji'a Bitootessaa 2016tti qabeenyidaandii naannoo keenyaa kiiloo meetira 60,974 (kuma jaatamaa fi dhibba sagalii fi torbaatamii torba) irraan gahuun danda'amee jira! Fuuldurattis waadaa keenya haaromsinee ijaarsa fi suphaa daandii, riqaalee, bu'uuraalee geejibaa fi loojistiksii ni dhugoomsina! Agarsiisa imala waggoota 30 akka naannoo Oromiyaatti Finfinnee, Galma Aadaa Oromootti gaggeeffamaa jiru irratti, daaw'annaan hojiilee gurguddoo Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa waggoota 30n darbetti rawwatamee eegalee jira. Imalaa fi hojiiwwan biiroo keenyaa kanneen akka daa'awttaniif affeeramtanii jirtu.