Sochii Ijaarsa Daandiifi Riqaalee
Ijjii fi gurri maatii fi qooda fudhattoota Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa hundi iddoo pirojaktoota ijaarsa fi suphaa daandii, riqaalee fi Buufata Qindaawaa Konkolaataa irra jira!
Hirmaannaan hawaasa keenyas ajaa'iba!
Pirojaktoota xumuruuf karoorfanne xumuruuf kanneen hafan immoo sadarkaa gara garagaraa irraan gahuuf, akkasumas, suphaa daandii baay'inaan fi qulqullinaan gaggeessuuf hooggansii fi hojjatootni BDLO naannoo hanga aanaalee jiran hundi, miira xiiqiin qindoominaan hojii keenya cimsinee itti fufuu qabna.
Hojiin sassaabbii galii Fandii Daandii Naannoo fi ijaarsa riqaalee deemsa miila namootaa fi beeyladootaatis hojii ijoo hunda keenyaati!