Biiroo Daandiiwwaniifi Loojistikii Oromiyaatti Waajjirri Suphaa Daandii Damee Baalee baatiiwwan saglan darbanitti daandii kiiloomeetira 188 oliif suphaa taasisuu beeksise

  • 29 Apr 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Jiraattonni Aanaa Sinaanaa dubbisne yaada nuuf kennaniin kanaan dura daandiin yeroon suphamuu dhabuurraa kan ka'e tajaajila hawaas-dinagdee argachuuf rakkachaa turuu kaasuun yeroo ammaa rakkoon kun furamuusaatiin daandichaa tajaajila fooyyee qabu argachaa jiraachuu himaniiru.

Godinichatti sochii hojii baatiiwwan saglan darbaniitiin daandii kiiloomeetirri 188 ol suphamuu ittigaafatamaan waajjira suphaa daandii damee Baalee Injinar Yaasiin Muhammad himaniiru.

Waajjirri suphaa damee Baalee daandiiwwan godina Baaleefi Boorana bahaa keessa jiran kan suphuu ta'uu ibsuun barameera.

Haaluma kanaan, daandiin Maliyyuu, Balee, Haroo dumal walqunnamsiisu 53km, daandiin Agaarfaaf Hambeentuu walqunnamsiisu 19km. Daandiin Roobeef Saanbituu 10km. Daandiin Gooroo Raayituu 33km. Daandiin Miiccaa Waachoo16km daandiiwwan akka Baaleetti suphamaa turan yoo ta'u, Daandiin Bidiree Madda Walaabuu 31km; Daandiin Odaa-boojjii hanga Dadaacha rarraasaa 26.3km daandiiwwan Boorana bahaa keessatti suphamaa turan ta'uun ibsameera.

Hojii suphaa daandiiwwan kanneeniifis baasiin qarshii miiliyeena 24 ta'u hojirra ooluusaa injinar yaasin ibsaniiru.

Hojiilee bajata mootummaatiin hojjataman cinaatti suphaan daandiifi manneen harka qalleeyyii tola ooltummaan hojjatamuus eeraniiru.

Sochiin milkaa'ina qabu jiraatullee akka hudhaatti hanqinoonni maashinarootaa, loodarootaafi loobeedii mul'atan hojii suphaa daandii saffisa barbaadamuun akka hin hojjanneef hudhaa ta'uu kan himanimmoo Ittigaafatamaa Bulchiinsa qabeenya humna namaa Obbo Naggaa Goobanaati. Hudhaawwan kanneen furuuf qaamni dhimmi ilaalu hundi tumsa barbaachisu akka isaaniif godhus gaafataniiru.

Waajjirichi bara bajataa 2016tti daandii kiloomeetira 267 oliif  Suphaa salphaafi cimaa taasisuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu ragaan waajjiricharraa argame ni mul'isa.

Gabaasa: Kominikeeshinii Godina Baalee