Raawwii ijaarsa pirojaktii asfaaltii magaalaa Roobee yeroo ammaa

  • 15 May 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Piroojektootni ariitiidhaan, qulqullinaa fi baay'inaan akka hojjatamaniif sirni hordoffii, deeggarsaa fi duub-deebii kennuu karaa qindaa'aa ta'een cimee itti fufee jira!

Godina Baalee, magaalaa Roobeetti, hojiin ijaarsa Asfaltii Roobee kiiloo meetira 15, Kontiraaktara Alemayehu Ketema G.C. tiin ijaaramaa jiru cimee itti fufee jira.

Hojichis tibbana bakka dhaabbileen ijaarsaa fi gorsaan jirutti Hooggantuu Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa Injinar Heelaan Taammiruu fi

I/A/B fi Gaggeessaa Damee Misooma Daandii kan ta’an Injinar Caalaa Abdiin daawwatamee jira.