Buufatni Konkolaataa Qindaawaan Utubaa Diinagdeeti!
Galma hojii ijaarsa fi suphaa pirojaktoota daandii, riqaalee fi buufata konkolaataa qindaawaa irratti Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bara 2016 qabatee milkeessuuf saayitii hojii irratti argamuun sirni hordoffii, deeggarsaa , duub-deebii fi kallatti hojii teeknikaa fi bulchiinsa pirojaktoota irratti kennuu cimee itti fufee jira. Maatiin BDLO naannoo hanga aanaaleetti jiran hundis hojii hunda kutannoon hordooffuun murteessaadha.
Godina W/Lixaati hojii pirojeekitii buufata konkolaataa qindaawaa magaalaa Gimbii artiifi qulqullinaan akka hojjatamuuf akkasumas W/Bahaati buufatni konkolaataa qindaawaa magaalaa Naqamtee saffisaan xumuramee tajaajilaaf banaa akka ta’uuf hooggantuu BDLO, Itti antootaa fi ogeeyyiin hordoofama jira. Hojiin waliigala Biiroos cimee itti fufee jira. Pirojaktoota ijaarsa riqaalee 14 Sagantaa Guddina Qonnaa (AGP)n ijaarsi raawwatuuf sirni baniinsaa sanada caal-baasii gaggeeffamee jira.