Rakkoolee nageenyaa, qaalayinsa jireenyaa, rakkoo bulchiinsa gaarii, kenna tajaajilaa fi dhimmoota kanneen biroo akka naannoo keenyaatti haala wayitaawaa ta'anii jiran irratti hojjatootni Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa mari'atanii jiru.
Bara hojii kana keessatti hojiilee karoorfamanii sababoota adda addaan osoo hin hojjetamin hafan adda baasuufi rakkoolee naannoo keenya qoraa jiran sirreessuuf hojjatamaa kan jiru ta'uun marii kanaan hubatamee jira.Qaala'insi gabaa yeroo ammaa kana akka biyyaatti mul'atuufi akka addunyaattis mudataa jiru jiruu fi jireenya ilmaan namaa keessatti yaaddoo ta'aa dhufee jira . Bu'uruma kanaan akka BDLO rakkoo kana furuuf shoora hojjattoota mootummaa irraa eegamu irratti mari'atamee jira.Sanada marii kanaaf qopha'ee kan hojjatootaaf dhiyeessan Itti'aanaan Biiroo fi Gaggeessaan Damee Misooma Daandii Injinar Kadiir Huseenidha. Qala'insa gatii gaba yeroo ammaa jiru kanaa too'achuuf akka dhuunfattis ta'ee akka mana hojjitti qabeenya qusaachuun fayyadamuu fi mala jireenyaa foyyeessuu, waldanda'uu, walkabajjuu, aadaa hojii ammaayyeessuun murteessaa akka ta'ee Inj.Kadiir ibsanii jiru.
Gama kaaniin kenna tajaajilaa kara dijitalaatiin kennuun bulchiinsa gaarii furuuf hojii karaa ammayyaa karoorsuu, gabaasuu fi madaaluu irratti sanadni qophaa'e dhiyaatee irrattis mar'iin gageeffamee jira.
BDLO keessatti karaa ammayyaa ta'een karoorsuu, gabaasuu fi madaaluun dirqama hojiirra ooluu waan qabuuf leenjii gahaa ta'e yeroo yeroon kennuun, hojjiin qisasamaa qabeenya malee qulqullinaa fi ariitiinii hojjachuu hojiirra oolchuuf BDLO xiyyeeffannoon kan hojjatu ta'u IBDLO fi gageessan Damee bulchiinsaa Inj.Tammanee Taadasaa ibsanii jiru.
Hanqinootas ta'ee, milkaa'inoota hojii keessatti argaman abbaa qabaachuu qabu, hundi gahee fi itti gaafatamummaan hojjata. Hojiilee yeroo itti aanu keessatti hojjetamanis hojjattootni adda baasuun hojjachuu akka qabaniif kallattiin kaa'amee jira.