Lammiin Lammiif Gaachana!
Ijaarsi mana Aadde Baayyuush sadarkaan irra gahe bulchaa Aanaa Digaluu Xiijjoo Obbo Mahamaad Abbishuu, kantiibaa magaalaa Saaguree Obbo Jawaaroo fi Itti Gaafatamaan Wajjira Damee Suphaa Godina Arsii Injinar Naa’ol Gammachuu fi qamoolee gara garaan daawwatame.
Manichi kallattii Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa hojii "Tajaajila Lammummaa"tiin kaa'een wajjira Damee suphaa Arsiin, Godina Arsii Aanaa Digaluuf Xiijoo magaalaa Saaguureetti ijaaramaa kan jiru ta'uun isaa ni beekama.
Yeroo dhiyootti Aadde Baayyuush maatii isaanii waliin rakkoo mana jireenyaa ba'aa guddaa itti ta'e dhaabbiin fala argatu!
Waliin waliif hojjanna!