Leenjiin hubannoo seeraa uumuu ogeeyyii BDLOf kenname

  • 16 Aug 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Dantaa uummataa fi mootummaa kabachisuuf hojimaata (Labsii, Dambii, Qajeelfama fi Kallattii) keennameen hojjachuun dirqama ta'uun ibsame!

Hagayya 7, 2016 Leenjiin hubannoo seeraa uumuu ogeeyyii BDLOf kenname.

Leenjicha irratti argamuudhaan, I/A/B Obbo Taayyee Guddisaa sirna itti gaafatamummaa diriirsuuf kallattii maraan dandeettii raawwachuusummaa hojjattootaa cimsuuf akka ta'e ibsan. Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa bara 2017 pirojektoota kalaqaan daballee ariitidhaan, baay'inaan fi qulqullinaan ijaarufi suphuun fayyadamtummaa uummata keenya mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jira!

Bu'uruma kanaan ijaarsa fi suphaa pirojektootaa keessatti baasii fi dadhabbii hin malle ittisuuf, yeroo fi qabeenya murta'aa jiru quusachuudhaan hojiin kamiyyuu hojimaata eegee akka hojjatamuuf leenjii gababaa hubannoo seeraafi gahee Abbaa Alangaa uumuuf hooggansaa fi ogeeyyii Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaatiif Ogeeyyiin Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiin kennamee jira.

Qaamoolee hariiroo biirichaa waliin qaban mara waliin qindomnee yoo hojjanne waan eegalle ni xumurra, haaraas ni eegalla!