Gamaggama Raawwii Hojii Ijaarsafi Suphaa Waliigalaa bara 2016 fi Marii Karoora Waliigalaa kan bara Bajataa 2017

  • 19 Aug 2024
  • Posted by adminroadlo
  • 0 Comments

Hagayya 11 / 2016 Adaamaa) Maatiin Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii OromiyaaBara 2017tti hojii ijaarsa fi suphaa pirojektoota bu'ura bu'uraalee misoomaa ta'an Daandii, Riqaalee, Riqaalee Rarra’aa fi Buufata Konkolaataa Qindaa’aa ariitidhaan, baay'inaan fi qulqullinaan hojjachuun fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessuuf gamaggama raawwii hojii ijaarsafi suphaa waliigalaa bara 2016 fi marii karoora waliigalaa kan bara bajataa 2017 irratti qaamooleen dhimmi ilaalatuu hooggansifi, ogeeyyiin BDLO, Wajjira Daandiiwwanii fi Loojistiksii Godinaaleefi Dameewwan Suphaa mari'achaa jiru. Waltajjii kanaan dhimmoota ijoo xiiyyeeffannaa mana hojichaa ta'an irratti furmaanni rakkoowwanii fi kallattiin hojii gara fuula duraa ni kaayama.

Aadaa walgargaarsaa fi waltumsuu cimsuudhaan jabaannee qaamoolee hariiroo biiricha waliin qabanii fi uummata mara waliin qindoomnee yoo hojjanne waan eegalle ni xumurra, haaraas ni eegalla!

Daandii Mijaa'aa Lammiilee Keenya Hundaaf!