Finfinnee,Calcalii (07/01/2017): Aadaa ,Duudhaa fi Safuu keenya kabajnee
Finfinnee, Calcalii (07/01/2017): Aadaa , Duudhaa fi Safuu keenya kabajnee, kabachisuudhaan dhaloota egeree dhaalchisuun dirqama dhaloota ammaati!
Agarsiisnii fi simannaan Goobee fi Shinooyyee bara kanaa haala hawwataa ta'een gaggeeffamaa jira.
Biiroon Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa kaarnivaalli Goobee fi Shinooyyee karaa aadaa fi duudhaa Oromoo calaqqisiisuun hara'a simatee jira!
Qeerroo fi Qarreewwan keenya aadaa fi hojii misooma biyyaa kan dagaagsu isin waan ta'eef umurii dheeraa jiraadhaa!, hamtuun isin hin argin!
Goobeen Hooda!
Shinooyyeen Milkii!
Biiroo Daandiiwwanii fi Loojistiksii Oromiyaa